TECHNOLOGY

Telegram Irratti Akkamitti Akka Namni Hack Nun Goone Goona?

Hunda Dura Baga nagaan gara marsariitii keenyaa dhuftan jechaa barnoota keenya har’aa keessatti Telegram Account keenya namni akka nu jalaa cabsee hin fayyadamneef waantota gochuu qabdan isinittan agarsiisna.

Telegram jechuun maalidha?

Telegram jechuun akkuma platform kaanii kaampaanii miidiyaa hawwaasa mataa isaa danda’e ta’ee, faayidalee hedduudhaaf nu gargaara. kanneen keessa ergaawwan adda addaa, suuraa fi viidiyoowwan akkasuma dookimantii garaa garaa waliif erguu nu dandeessisa. kana qofaas miti bilbila viidiyoo fi sagaleedhaan kallattiin ittiin waliif bilbiluun haasa’uu dandeenya. Inni kan biroon immoo sagalee fi viidiyoo waraabuudhaan waliif erguu nu dandeessisa. akkuma kana faayidaawwaan hedduudhaaf nuu ooluu ni danda’a. kanaafuu miidiyaan hawwaasaa kun jaallatamummaa fi kabaja guddaa ni qaba.

Telegram keenya akka hin hatamneef’ steeppiiwwan armaan gadii kana hordofaa.

1. Device Passcode fayyadamuu.

Lakkoofsa dhoksaa isin qofti beekuu qabdan qabaadhaa, sababni isaa akka namni bilbila keessan fudhee, ergaa isin ergitan argee ykn lakkoofsi telegram icciitii ta’e akka hin arganneef lakkoofsa icciitii ofii keessanii qabaachuu qabdu.

Kana sirreessuuf: settings telegram application keessan keessa seenuun itti fufee privacy and security iddoo jedhu tuquun passcode iddoo jedhu tuqxu achii booda password dhuunfaa keessanii ittu guutuun save gochuu qofaadha.

2-step verification fayyadamaa.

Namni 2-step verification hin fayyadamne carraan hack ta’uu isaa baay’ee guddaadha.
Kana sirreessuuf Settings keessa seenuun achii booddee privacy and security kan jedhu keessa seentu itti fufee 2-step verification kan jedhu tuquun erga seentanii booda On gootu itti fufee yoo akka tasaa isin jalaa hack ta’eef Email kana qabachuu qabdu inmis Recovery Email isin gaafata isa itti guutuun save godhattu.

3. Bilbila lamaa (2) ol irratti hin fayyadaminaa.

Bilbila adda addaan Telegram keessan kan fayyadamtan yoo ta’e, fi ammas fayyadamaa jirtu taanaan Telegram Account keessan carraa hack ta’uu isaa baay’ee guddaadha. Kanaafuu kan check gochuuf, gara privacy and security seenuun iddoo device jedhu keessa deemuun warra achi jalatti barraa’aan hunda kan tarreeffamanii jiran terminate all other session filachuun ofirraa balleessaa.

  1. Yeroo desktop fayyadamnu website telegram osoo hin taane software official desktop fayyadamaa.
  2. Appilikeeshinii Telegiraamii kan ofiisaatiin play store irraa buufadhaa fayyadamaa malee sanaan alatti namni biraan kan liinkii siif ergeen seenuuf hin yaalin.
  3. Quunnamtii Telegram keessan namootaaf yeroo kennitan, username keessan yookaan qr-code account keessanii share godhaaf malee lakkoofsa bilbilaa keessan hin kenninaa.
  4. Suuraa, ergaa sagalee fi ergaa iccitii biroo namoota hin beekneef ykn hin amanneef gonkumaa erguu hin qabdu. Yoo erguun dirqama ta’e akka ergaa dhoksaa (secret massege) yookaan ergaa of balleessutti (self destruct) ergi.
  5. Notification Telegram kan status bar bilbila keessanii irratti argamu cufaa.
  6. Dhumarratti haala gadii kanaan Privacy settings keessa seenuun sirreessaa.
    Phone Number – Nobody
    Last seen & online – My Contacts
    Profile photos – My Contacts
    Forwarded Message – Nobody
    Calls – My Contacts
    Group & channels – My Contacts

Kanneen armaan olii kana settings moosajii Telegram keessan keessa seenuun sirreeffadha. Kana hunda sirreessinaan namni kamii telegram keessaan cabsuu yookaan hack gochuuf yoo yaale, gonkumaa itti milkaa’uu hin danda’u, nageenyi Telegram Account keessanii sirriitti isiniif eegama jechudha.

Waan dubbistaniif Galatoomaa maxxansa keenya kanneen biroo dubbisuu yoo feetan website keenya kana dawwadhaa! Nagaatti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *