TECHNOLOGY

Password yookaan Patterniin bilbila keenyaa akkamiin hojjeta?

Akkam jirtu jechaa baga nagaan dhuftan, qabiyyeen keenya har’aa Password yookaan Patterniin bilbila keenyaa akkamiin hojjeta? Akkasuma immoo bakki kuusaa isaa eessa yookiin eessatti save ta’a? Kan jedhu waliin waan ilaalluuf hamma xumuraatti dubbisnaan akka irraa barattan abdii guddaan qaba. Kanaafuu dubbisaa fi barumsa gaarii isiniif haa ta’u.

Akkuma beekamu patterniin bilbila keenyaa tuqaalee xixiqqoo sagal jiran wal qunnamsiisuudhaan uumama. Yeroo kanatti pattern uumuuf yoo xiqqaate tuqaaleen afur dirqama wal quunnamuu qabu, akkasumas tuqaa sana keessaa tokko si’a (yeroo) lama irra deebi’anii filachuun hin danda’amu.

Patterniin nuti itti galchinu eessa kaa’ama yookiin eessa keessatti store ta’a? Yookaan bakka (location) kam keessatti save ta’uun taa’aa laata? Bilbila android tokko pattern dhaan yoo cufne patterniin sun immoo dhoksaadhaan folder data jedhamu keessa kaa’ama. Kunis kan godhameef icciitiidha waan ta’e dhoksaadhaan taa’ee.

Maqaan faayila pattern sanaa immoo ‘Pc.key’ jedhama. Haa ta’u iyyuu malee folder kana kallattiidhaan (directly) keessa seennee ilaaluu hin dandeenyu. Garuu ADB interface irra yoo goone yookaan bilbilicha yoo root goone, isa booda bannee ilaaluu ni dandeenya.

Pc.key file sana immoo yoo banne pattern (password) keenya kallattiin arguu nii dandeenyaa?

Pc.key file yoo bannee, ilaalleyyuu kallattiidhaan pattern (password) keenya ilaaluu hin dandeenyu. Sababni isaas password (jecha darbiin) kamiyyuu yeroo save godhamee kaa’amu dursa akka namni kamuu hubachuu fi beekuu hin dandeenyetti encrypt ta’a (haala namni salphaatti dubbisee hubachuu fi tilmaamuu hin dandeenyetti jijjiirama). Kana gochuuf immoo mala “Secure hash function (SHA1)” jedhamu fayyadama.

Fakkeenyaaf: Bilbila keenya pattern tuqaalee lakkoofsa 752369 irra jiru irraa walitti fidnee pattern goonee cufne haa jennu. Patterniin kun yeroo save ta’ee taa’uu; bifa armaan gadii kanatti jijjiiramee encrypt ta’a:

0×82, 0×79, 0x0A, 0xD0, 0xAD, 0xEB, 0×07, 0xAC, 0x2A, 0×78, 0xAC, 0×07, 0×03, 0x8B, 0xC9, 0x3A, 0×26, 0×69, 0x1F, 0×12,… akkas ta’a jechuudha.

Pattern bilbilaa keenyaa yoo daganne, deebinee bilbila keenya banuuf maloota lama armaan gadiitti eeraman kana fayyadamuu ni dandeenya.

Isaan kunis:

1ffaa: Hard Reset (Reset and Factory) gochuun fayyadamna.

Malli inni kun nama hunda biratti kan barame yoo ta’u, faayila bilbila keenya irra jiru hunda kan haquu fi pattern sanas kan nuuf balleessuudha. Kana jechuunis patterniin bilbilaas faayila waan ta’eef, innis isa wajjin ni haqama yookaan ni bada jechuudha. Kana booddee bilbila keenya akka haaraa, yeroo oomishamee warshaa isaa keessaa baheetti start goone setup jiru hunda guutuun fayyadamuu jalqabna/eegalla.

Malli kun akkuma faayidaa guddaa nuuf qabu, akkasuma faallaa sanaa dhiibbaa guddaas nurratti qabaachuu danda’a, kana jechuunis tarii pattern keenya dagannee faayiloonni nu barbaachisan immoo achirra jiraachuu waan malaniif yeroo hard rest goonu faayiloonni nuti barbaannu kanneen achirra jiran hundi ni badu jechuudha, ta’us furmaata inni lammaffaan gaditti ilaaluuf jennu yoo isiniif dalaguu dide kun furmaata (solution) sirrii fi filatamaadha.

2ffaa: Root Gochuudhaan sirreessuu dandeenya.

Mala kana yoo fayyadamne yeroo mobaayila keenya root goonu pattern yookiin password keenya kan baatu faayila pc.key isa dhokate sana arguu waan dandeenyuuf, isuma haquudhaan pattern (password) dagannee jirru sana balleessuu dandeenya.

Mala kana immoo yoo fayyadamne faayilli keenya osoo hin badin pattern/password dagannee turre sana haqnee kan biroo bakka buufachuun itti fayyadamuu dandeenya. Waa’ee bilbila root gochuu bal’inaan dubbisuu yoo feetaan Root kan jedhu kana tuquun dubbisuu dandeesu.

Barnoonni nuti har’aaf isiniif qabannee dhufne kana fakkaata, barnoota biroo yoo feetan marsariitii keenya kana jalaa dubbisuu dandeessu, qabiyyee biraatiin walitti ni deebina, Galatoomaa Nagaatti.

DOWNLOAD

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *