MOBILES

Bilbila charge irratti fayyadamuun miidhaa akkamii fiduu danda’a?

Baga nagaan gara marsariitii keenyaa HDASE tti dhuftan jechaa, har’a dhimma Bilbila charge irra goonee fayyadamuun, miidhaa akkamii akka nutti fiduu danda’uu fi hammam immoo of eeggannoo akka gochaa jirru waliin ni ilaalla, kanaafuu hamma xumuraatti maxxansa kana dubbisa isiniin jechuun barbaada.

Egaan Akkuma beekamu yeroo ammaa kana, yerootti itti fayyadamni teekinooloojii guddachaa jiru kana keessatti, itti fayyadama isaa irrati hanqinoonni hedduun yerootti nu qunnaman ni jiraatu. Isaan keessaa immoo dhimma waa’ee bilbila charge irra goonee fayyadamuun wal qabatee rakkoo fi dhiibbaa nutti dhufu hunda sirriitti ni ilaalla.

Rakkoowwanii fi dhiibbaa bilbila charge irra goonee fayyadamuun nu mudatan muraasa akka armaan gaditti tarreessinee jirru kana haalaan dubbisaa of eeggannoo barbaachisu immoo godhaa.

Isaanis:

1ffaa: Bilbilli keenya baay’ee ho’uu danda’a (overheating) ta’uu ni danda’a. Sababa kana irraa kan ka’e:

  • Chiippiiwwan (hardware) bilbila keenya keessa jiran ni miidhamu. miidhamni kun immoo bilbilli keenya akka nu jalaa dhoo’u taasisa.
  • Bilbilli keenya akka tasa cufamee banamuu dhiisuu (power on) ta’uu dhiisuu danda’a.
  • Keemikaaloonni adda addaa kan miidhaa sammuu keenya irraan gahan gadi lakkifamu ni danda’u (yoo yeroo baay’ee naannoo mataa keenyaatti bunne bilbilicha fayyadamna yoo taanedha)

2ffaa: Processor (CPU) bilbila keenya kan duraa caalaatti speed isaa gadi bu’a. sababii kanaaf immoo:

  • Bilbilli keenya harkifachuu (stuck) of gochuu nii eegala.
  • Saffisni (speed) bilbila keenyaa nu jalaa dadhabaa ni deema.

3ffaa: Dandeettii yookaan hamma battery kuusuu (battery usage) bilbilichaa gadi nu jalaa bu’a. Rakkoo Kanaan wal qabatee:

  • Umuriin battery keenyaa yookiin turtiin charge qabachuu bilbila keenyaa nu jalaa gabaabbata.
  • Ibsaa irraa fagaannee yookaan yoo ibsaan bade yeroo dheeraa akka nuti itti hin fayyadamne nu taasisa.

4ffaa: Guddinni (Size) battery keenyaa kan duraarra ni dabala. Kanaaf immoo:

  • Dhagaan Battery moobaayila keenyaa afuufamuu (bokokuu/dhiita’uu) ni eegala.
  • Qadaaddiin bilbila keenyaa dhagaa battery keenyaa qabuu dadhabuudhaan baay’ee rakkachuu dandeenya. Akkasuma immoo “power button, home button fi volume button” akka nuti seeraan itti hin fayyadamneef nu rakkisa.
  • Inni Kan biraan immoo bilbilichi dhoo’uudhaan balaa hamaaf nu saaxiluu danda’a.

5ffaa: wadaroon chaarjerii (charger of cable) keenyaa illee nu jalaa miidhamu danda’a.

Yeroo bilbila keenya charge irra goone fayyadamnutti olii fi gadi sochoonee irra kaa’uun Keenya hin oolu. Sosochiin Keenya kun immoo cable fi port bilbila keenyaa irratti miidhaa guddaa uuma.
Egaan; bilbila keenya charge irra goonee fayyadamuun miidhaa guddaa akka nu irraan gahuu danda’u akka armaan olii kanatti ilaallee jirra.

Miidhaa ana irraan hin gahuu jettanii; bilbila charge irratti fayyadamuu fi tuttuquu keessan itti fuftanii gargaaramuun dura ragaa qabatamaadhaan salphaatti mirkaneeffachuu kan dandeessan gaditti waliin haa ilaallu.

Isaanis Kanneen armaan gadii kanadha:

  • Fulbaana 2014 GC: Biyya Indiyaa keessatti daa’imni umurii isaa 10 ta’e, osoo bilbila charge irra kaa’ee fayyadamuu harkatti dhoo’uudhaan miidhaa cimaa harkaa fi fuula isaa irraan gahee ture.
  • Waxabajjii 2013 GC: Biyya Taayilaanditti namichi waggaa 28 ta’e, osoo bilbila iPhone charge irra godhee itti fayyadamaa jiruu dhoo’uudhaan naannoo laphee fi mormaa isaa irra miidhaa hamaa isa mudateen lubbuun isaa darbiteetti.
  • Bitootessa 2013 GC: Akkasuma Biyya Chaayinaa keessatti dubartiin tokko; osoo bilbila ishee charge irra keessee itti fayyadamaa jirtuu harkatti dhoo’uun lubbuun darbiteetti.

Walumaa galatti rakkoolee armaan olitti isiniif eerreen akka hin saaxilamneef of eeggannoowwan nuti gochuu qabnutu jira.

Rakkoo Kanaaf Akka Hin Saaxilamneef Maal Gochuu Qabna?

  • Bilbila keenya itti fayyadamuu keenya dura battery isaa sirriitti guutuu qabna.
  • Dhagaa Battery keenyaatu dadhabeera yoo ta’e haaraa bitachuu qabna.
  • Chaarjerii (charger) bilbila keenyatu sirriitti charge hin chaarjessu taanaan immoo; chaarjerii bareedaa isaa kan bilbila keenyaaf ta’u; fast charger yookaan super fast charger bitachuu qabna.

Egaan barnoonni nuti har’a qabannee dhufne kana fakkaata, waan dubbistan irraa barachuun hojiirra oolcha jechuu barbaanna, gaaffii yoo qabaattan comment irratti nuuf katabaa Galatoomaa.

Download

One thought on “Bilbila charge irratti fayyadamuun miidhaa akkamii fiduu danda’a?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *