ONLINE JOBS

Odeeffannoo Waa’ee Application Tiktok kana beektuu?

Tiktokiin akkuma platform Youtube, Facebook fi kanneen biroo miidiyaa hawwasni bal’aan itti fayyadamu ta’ee content creators hedduun kan ittiin jiruuf jireenya isaa ittiin gaggeeffachaa jirudha. Murtee ammaa Ameerikaan itti jirtu kun yeroo amma content creators Tiktok dhaan jiruuf jireenya isaa gaggeeffachaa jiru yaaddoo hamaa keessa seensisee jira.

Fayyadamni TikTok Ameerikaa keessatti yoo uggurame (dhorkame) “mirgi bilisummaan dubbachuu fi yaada ofii ibsachuu lammiilee Ameerikaa miliyoona 170 ni sarbama” jedhe. Dubbii kana kan jedhe Manni Maree Bakka Bu’oota Ummata Ameerikaa labsii appiin TikTok Chaayinaa irraa yoo hin baanee akka dhorkamu yookaan akka ugguramu erga raggaasisee boodadha. Dubbi himaan dhaabbata Application yookaan moosajii TikTok labsii appii kana ugguruuf bahe sirriitti balaaleffateera.

Yoo uggurame:

  • Mirgi bilisummaan dubbachuu lammiilee Ameerikaa miliyoona 170 ni dhiitama,
  • Dhaabbileen daldalaa miiliyoona 7 akka baduu taasisa,
  • Diinagdee Ameerikaaf waggaatti doolaarri biiliyoona 24 kan galii ta’uuf ishee ni dhabsiisa.

Dabalataanis; ”ByteDance ergamaa yookaan baayiteensii Chaayinaa ykn kan biyya biraa miti,” jedhe. “Dhaabbatichi immoo kan Chaayinaa akka hin taane irra deeddeebiin dubbanneerra,” jechuun itti dabalee dubbateera. Haa ta’u malee, warri dhimmicha hordofaa jiran akka jedhanitti, Tiktokiin Chaayinaa irraa hiikame, Aksiyooniin isaa Ameerikaatti yoo hin gurguramne, dhorkamuun isaa waan hin oollee fi dhimma yeroo qofaadha jedhaniiru. Torbanoota darban keessa Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ameerikaa labsii TikTok guutuu biyyattii keessatti dhorkuu danda’u raggaasiseera.

Ameerikaan TikTok yoo uggurte maaltu nu dhiberee Afrikaa Fi Eeshiyaan ni fayyadamuu?

Manni Murtii Ameerikaa dhaabbata tokko yoo uggure Addunyaa Kana irratti Qaamni dhaabbata sana waliin hojjatu hin jiru. Kana jechuun MM Ameerikaa Tiktok uggurraan Play Store Fi Apple store irraa TikTok ni haqa. Google Fi Dhaabbileen Teekinoolojii hundumti appicha ni ugguru. Kanaafuu Tiktok fayyadamuun hin danda’amu jechuudha.

Dhimmi Pilaatfoormii Tiktok kanaa Dubbiin isaa tapha siyaasaa Ameerikaa Fi China gidduuti malee dubbii dhaabbata TikTok miti. Waggaa 3 dura President Ameerikaa Trump tarkaanfii wal fakkaatu dhaabbata China Huawei irratti fudhatee gabaa keessaa baase. Huawei dhaabbata Teleekoomii beekamaa Ameerikaa Fi Awurooppaa baadiyaa keessatti tajaajila dhibbeentaa 80% diriirsuudhaan tajaajila bal’aa kennaa ture. Yeruma sana Bulchiinsi Trump Mana Murtii Ameerikaatti dhi’eessee ‘Odeeffannoo Dhuunfaa lammiilee Ameerikaa, Mootummaa Chinaatiif basaasaa jira jedhee himate.’ xumura irratti Manni Murtii dhaabbaticharra uggura kaa’ee, Play Store Fi Apple store irraa Application mobile Huawei hunda haqe, tajaajilli Telecom dhaabbatichi Biyyoota addunyaatiif dhi’eessu ni dhaabbate. Amma dhaabbata Huawei lubbuu qofatu keessa jira. Dhaabbilee Telecom kan biroo irraa hojii fudhatee, hojjeta malee of dadhabeera.

Haaluma kanaan Tiktok immoo Ameerikaa keessatti guutumatti cufamuu danda’a jedhamee namoota hedduu yaaddoo hamaa keessa galchee jira. President Joe Biden seerri Tiktok cufamu baannaan nan mallatteessa jedhe. kanaafuu cufamuu ni danda’a jechuudha. Koongireesiin Ameerikaa Abbaa Tiktok waamee gaaffilee adda addaa gaafatee turuun isaammoo ni yaadatama.

Komii Tiktok irratti dhi’aate keessaa ijoon:

  • Daa’imman balaa hamaadhaaf saaxiluu,
  • Icciitiiwwaan addaa addaa dabarsee Mootummaa chaayinaaf kennuu fi kan kana fakkaatan fa’a yoo ta’u ergasii as waajjiraalee mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaa Ameerikaa hedduu keessatti TikTok ugguramuu eegale.

Himatuma kana irratti gaaffii dhi’aate keessaa tokko dhaabbatichi TikTok warra Ameerikaatti gurguruu, ykn guutumatti cufuu qaba jedhanii filannoo kennaniif. Himannaa kana booda biyyoota Ameerikaa fi Afrikaa keessattis uggurri Tiktok irra kaa’amuu eegale jira. Afrikaa keessaa biyyoonni sadii (3) ol ugguraniiru. Amma Ameerikaan guutumatti dhaabbaticha ugguruuf murteessite waan jirtu fakkaata, murtee Ameerikaa irraa ka’uun gamtaan Awurooppaas dhaabbatichatti uggura kaa’anii jiru. Kan ta’u walumaan ni ilaalla, Namoonni social media Tiktok fayyadamuun jiruuf jireenya keessan gaggeeffattaa jirtan obsaa fi amantiidhaan waaqayyoon kadhadhaa jechuun barbaada.

Waan dubbistaniif Galatoomaa maxxansa keenya kan biroo marsariitii keenya jalaa dubbisuu dandeessu. Nagaatti

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *