TECHNOLOGY

Guugiliin Afaan Oromootiin Image Recognition Eegale.

Image Recognition jechuun maal jechuudha?

Image Recognition jechuun hiikkaa afaan oromootiin Moosajii kimpiitaraa ta’ee Maashinii Barreeffama suuraa Dubbisu jechuudha. kanaafuu Guugiliin Afaan Oromootiin Barreeffama Suuraalee Dubbisuu (Image Recognition) Eegale. Afaan Oromoo afaan dijitaalaa taasisuun waggoota hedduudhaaf hayyoota afaanichaan kan irratti hojjetamaa ture yommuu ta’u dhamaatii fi dadhabbii hedduu booda afaan oromoo Google gubbaatti wal quunnamsiisuun milkeessuun danda’ameera. Amma akka biyya keenyaatti afaan oromoon afaan uummanni baay’een dubbatan ta’uun biyyatti keessatti sadarkaa jalqabaa qabatee kan jiru yommuu ta’u, kunis oduu gammachiisaa guddaadha!

Yaalii fi Tattaaffii yeroo dheeraa booda afaan oromoo gara afaan dijitaalaa taasisuun milkaa’inaan hojii irra oolee jira, amma afaan kun Google irraatti sadarkaa suura dubbisuu (Image Recognition) irra gahee jira. Kanaafuu Imalli Afaan Oromoo Dijitaalessuu saffisa olaanaadhaan kan adeemaa jiru yoo tahu sadarkaa suuraa dubbisuu (Image Recognition) irra gahuun milkaa’inna birooti.

Barreeffama Suuraalee Dubbisuu (Image Recognition) jechuun maalii?

Barreeffama suuraalee dubbisu jechuun jechuun hojiirra oolmaa mul’ata kompiitaraa kan maashiniiwwan fakkiiwwanii fi viidiyoo dijitaalaa keessatti wantoota, namoota, barruu fi gochoota adda ta’an adda baasuun ramaduudha. Bu’uuraan, dandeettii sooftiweeriin kompiitaraa meeshaalee miidiyaa mul’ataa keessa jiran akkaataa namni tokko gochuu danda’utti “arguu” fi hiikuu danda’uudha. kanaafuu suuraalee dubbisuu jechuun barreeffamoota suuraa fi viidiyoo adda addaarra jiru dubbisuun haala nuti barbaannuun nuuf ibsa jechuudha.

Faayidaan Isaahoo Maali?

Barreefamni Suuraalee dubbisuu kun Sirna nageenyaa keessatti suuraa adda baasuun hordoffii fi hordoffii cimaaf kan ooludha. fakkeenyaaf: Meeshaalee, namoota ykn sochii shakkisiisaa yeroo qabatamaa keessatti adda baasuu fi hordofuu kan danda’u yoo ta’u, taateewwan akka hin mudanneef carraaqqii gochuun tarkaanfiiwwan nageenyaa iddoowwan uummataa, gamoolee dhaabbilee fi buufata xiyyaaraa keessatti fudhataman guddisuu danda’a. Akkasuma wajjira poolisii, buufata konkolaataa, buufata fayyaa adda addaa yookaan hospitaala adda addaa keessattillee kan gargaarudha. kanaafuu faayidaan Barreema suuraa dubbisuu (image recognition) kun baay’ee guddaadha.

Afaanonni Addunyaa Google Irraatti Guddaatan Kam Fa’i?

Afaanonni Guddatan akka afaan Ingliiz, french, fi kkf Dhaabbata Google keessatti gulantaalee 8 ol qaqqabuudhaan Afaanota guutuu jedhamuun Sadarkaa idil-addunyaatti tajaajiloota afaanota garagaraatiin kennaman hunduma keessatti filatamuudhaan akka afaanota hojii ta’an taasifamutti jira. Afaanonni kunneen gulantaalee kana kan qaqqaban, hojiileen gurguddoo fi baajatni guddaan ramadamee ogeeyyiin barbaachisoon hirmaataniitu sadarkaa guddaa kanarra gahe.

Bifuma walfakkaatuun saffisa guddaadhaan guddachaa kan jiru Afaan Oromoo’n yeroo ammaa Gulantaa 4ffaa irra kan gahe turtii waggaa tokko hin caalle keessattiidha. Hiikkaa Barreeffamaa, Hiikkaa Sagalee, Hiikkaa Dookumantii, fi Suuraalee dubbisuu fa’adha. Dookumantiilee (docx, .pdf, .pptx, .xlsx.) fuula amma fedhe qabu dabalatee Suuraalee adda addaa daqiiqaa xiqqoo keessatti hiikuu kan eegale bubbuleera, garuu qulqullina hiikkaa deetaa saniitu hir’ina qabaachaa ture. Koreen hojii afaan kanaa guyyoota muraasaa dura Hayyoota Yuunivarsiitii adda addaa walitti qabee hirmaachisuu erga eegalee as haala nama gammachiisuun qulqullinn isaa fooyya’aa dhufeera.

Anis akka fakkeenya isiniif tahuuf jedeen Xalayaa Ministeerri Barnootaa Yuunivarsiitiilee Mootummaatti barreesse, kan Suuraadhaan (Scanned Image) tokko Afaan Amaaraa irraa gara Afaan Oromootti hiikeera ilaalaa mee xiinxallaa isinis. Suuraa hiikuu qofaa osoo hin taane, Barreeffama Suuraa irra jiru garagalchuu yookaan copy gochuu, gulaaluu yookaan edit gochuu fi kan kana fakkaatan fa’a ittiin hojjechuu ni dandeessu. kunoo tartiiba kanneen kana hordoftanii fayyadamuu dandeessu.

Beektonni hojii kana hojjechuu fi fiixaan baasuu keessatti gahee keessan bahachaa turtanii fi kan jirtan, akkasumas Dhaabbilee fi Namoonni hojii kana deeggaraa jirtan Hojii seenaa qabeessa kana keessatti gahee keessan bahachuu keessaniif galmeen seenaa fi dhaloonni dhufu hunduu isin yaadata, Ulfaadhaa, fayyaa ta’aa jechuun barbaada. Hanga hojiin kun qulqullinna barbaachisu irra gahutti qofa osoo hin taane hanga Afaan Oromoo Gulantaalee sadeettan Afaanonni guddatan irra gahan bira geessinutti boqonnaa malee kan hojjannu ta’a. Jabaadhaa!

Waan dubbistaniif Galatoomaa Maxxansa keenya kanneen biroo marsariitii keenyaa keessas dubbisuu dandeessu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *