APPLICATIONS

Moosajii Kaameeraa Bilbila Ajaa’ibaa Kana Fayyadama.

Akkam jirtu hordoftoota keenya? Baga nagaan gara marsariitii keenya Hdase dhuftan jechaa har’a odeeffannoo waa’ee kaameeraa bilbilaatiin wal qabatu qabannee isiniif dhufneerra. Kaameeraan bilbila moosajii hedduuttu play store fi app store gubbaarra jira. Isaan hedduu isaanii keessaa kan fedha keenyaa bilbila keenya irratti buufachuudhaan suura qulqullina ol aanaa qabuu fi viidiyoo qulqullina guddaa qabu ittiin kaasuu fi waraabuu dandeenya.

Application Akkamiitu jira?

Appilikeeshiniin suura kaasu hedduun haa jiraatu malee Appilikeeshinoota muraasa isiniif haa himu. Akka fakkeenyaatti; YouCam Makeup – Selfie Editor, HD Camera, Open Camera, fi kanneen kana fakkaatan biroon bi jiru. Isaan keessa har’a waa’ee moosajii (Application) YouCam Makeup – Selfie Editor wajjin haa ilaallu.

YouCam Makeup – Selfie Editor Maali?

YouCam Makeup – Selfie Editor kun appilikeeshinii suura qulqullina guddaa fi viidiyoo olaanaa waraabuu fi kaasuudha. Moosajiin kun akka addunyaatti namoota hedduun jaallatamummaa guddaa kan argatee fi kan ittii fayyadamaa jiranidha. Addunyaa irraa namoonni bilbila Android fayyadaman Miiliyoona Kuma dhibba tokkoo (100,000,000+) oltu buufatanii itti fayyadamaa jiru.

YouCam Makeup – Selfie Editor Maaliif ijaarame?

Kaameeraan kun kan hojjetameef namoonni bilbilli isaanii qulqullina hin qabne akka itti fayyadamaniifidha. Ta’us garuu warri bilbilli isaanii baay’ee gaarii ta’ellee itti gargaaramaa jiru. Sababni namoonni kunneen itti fayyadamaa jiraniif moosajii (Application) kun hojiillee hedduudhaaf kan nuuf oolu yommuu ta’u, hojiileen inni nu gargaaru keessa Muraasni; Suura Ajaa’ibaa Instagram fi Facebook dhaaf akkasuma viidiyoo TikTok fi YouTube dhaaf waraabuuf ykn ka’uuf app baay’ee filatamaadha. Kanaafuu suuraa qulqullina ol aanaa qabuu ittiin akka kaasnuu fi viidiyoo Qulqullina guddaa qabu ittiin akka waraabnuuf moosajiin kun ijaarame.

YouCam Makeup – Selfie Editor Maaltu Adda Godha?

Application kana wanti isaan kaan irraa adda godhu hedduu ta’uus garuu isaan keessaa itti fayyadamaaf baay’ee salphaa kan ta’ee fi Filters adda addaa hedduu kan ofirraa qabudha. Filters isaa keessaa fayyadamuun qulqullina fuula keenyaa bareechuu fi akkasuma colors adda addaa waan ofirraa qabuuf editing dhaaf illee baay’ee mijataadha.

Amalootaa YouCam Makeup – Selfie Editor Qabu

Application kun amaloota hedduu kan ofirraa qabu ta’us, filters adda addaa kanneen akka; Airbrush Flawless Skin & Retouch Face Editor, Color Hair & Hair Makeover with Ombré Hair color, Eye Makeup & Eyebrow Selfie Filters, Lips filter, fi kanneen kana fakkaatan hedduu ofirraa qaba. Ta’us akka fedha dhuunfaa keenyatti filannoo mataa keenyaa fayyadamuun filters ofii keenya jaallannu gargaaramna.

Moosajii kana namoonni hedduun suura qofaa ittiin ka’uuf kan fayyadamanidha. Haa ta’u malee viidiyoo qulqullina guddaa qabu waraabuuf illee itti gargaaramuu qabna. Ani akka dhuunfaa kootti application kana baay’een jaalladha, yeroo dheeraaf illee itti fayyadamaan ture. Kanaafuu namoonni kaameeraa application gaarii ta’e barbaadaa jirtan akka kana gargaaramtan isinan jajjabeessa.

Moosajiiwwan (Applications) suuraa fi viidiyoo qulqullina guddaa qabu waraabuu fi kaasuuf isin gargaaru hedduutu jiru yoo barbaaddan kan biroo qabadhee isiniif fiduu nan danda’a, kanaafuu natti himachuu dandeessu. App isan amma isiniif fide kanatti aansee warran ofii koo jaalladhu fi itti fayyadamu isiniif fiduu nan danda’a.

Application YouCam Makeup – Selfie Editor kana buufachuu warreen barbaaddan maxxansa kana jalatti iddoo qubee gurguddaadhaan Download jedhu tuquun buufadhaa itti gargaaramaa. Yeroo Keessan Kennitanii Waan dubbistaniif Guddaa Galatoomaa Marsariitii keenya jala maxxansa hedduu waan qabnuuf keessa deemuun waan barbaadan dubbisuu dandeessu, gaaffii yoo qabaattan Comment irratti naaf barreessaa.

DOWNLOAD

GALATOOMAA!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *