ONLINE JOBS

Rooting maali? Akkamittiin Bilbila keenya Root gochuu dandeenya?

Rooting jechuun maali?
Akkamitti Bilbila keenya Root godhachuu dandeenya?
Faayidaan nuti bilbila keenya ‘Root’ gochuun argannu maalidha?
Miidhaan isaa hoo maalfaadha? Kun gaaffii yeroo baay’ee namoota hedduuf sirriitti ifa hin taanedha. Gaaffilee kanaaf immoo har’a marsaariitii keenya HDASE kana irraatti hamma dandeettii keenyaa isiniif ibsuu ni yaalla, yeroo dubbisa gaarii qabaadhaa.

Rooting jechuun maalidha?

Faayidaa nuti Bilbila keenya ‘Root’ gochuu irraa argannu immoo maali?

Miidhaa inni qabuhoo maalfaadha laata?

Rooting jechuun jecha bilbiloota ‘Android’f fayyadamamudha. Haa ta’u malee Jalqaba irratti hiikaa fi maalummaa ‘Android’ beekuun dirqama nu barbaachisa. Android’n Operating System kan bilbilaa ta’ee dhaabbata Google dhaan kan oomishame yommuu ta’u, namoota hedduudhaam jaalatamee kan jirudha.

Dhaabbanni baay’een kanneen akka;  Samsung, Huawei, htc, Techno, LG fi kan kana fakkaatan bilbiloota OS (Operating System) kana baatan waa itti daddabaluun oomishuudhaan beekamu.

Dhaabbanni Google fi oomishaan bilbila keenyaa (Samsung, Huawei, Techno fi kanneen kana fakkaatan) akka bilbiloonni isaan oomishan ‘Root’ ta’an hin barbaadan. Sababiin isaa ‘Root’ gochuun miidhaa guddaa akka qabu sirriitti waan beekaniifidha. Samsung, huawei fi techno’n immoo hojii business isaaniif gaarii waan hin taaneef akkas hin godhan. Nutis immoo bilbila keenya ‘root’ yoo goone sirriitti miidhaa akka qabu beekuutu nurra jiraata.

Gabaabumatti egaa Rooting jechuun adeemsa fayyadamaan bilbilaa tokko, bilbila sanaaf fayyadamummaa guutuu operating system (OS) itti argatuu dha. Kun immoo akka fayyadamaan sun amaloota bilbilaa keessaa kan dhokatoo ta’an garaa garaa fayyadamuuf, akkasumas jijjiiruu danda’uuf isa gargaara.

Jechoota Beekuu Qabnu

ROM: jechuunis as keessatti Android fooyya’e jechuudha. Innis waantonni hedduu kan itti dabalaman, saffisa gaarii ta’e kan qabuu, fi kan bilbila keef hin hojjatamin fa’a ta’uu danda’a.

Kernel: kan jechuun ammoo qaama Operating System ta’ee; walqunnamtii gidduu Hardware fi Software jiru kan too’atuudha.

Flashing: Flashingin immoo bilbila keetti waa fe’uu jechuudha. fakkeenyaaf:- ROM, Kernel…

Faayidaa bilbila keenya Root gochuun argamu maali?

Bilbila keenya root gochuun faayidaalee muraasa ni qaba isaan keessaa kanneen gaditti haa ilaallu.

  • System Software uninstall gochuuf (applicationoota bilbila keenya waliin dhufan yookaan hojjetamanii kan oomisha dhaabbatichaa ta’an irraa balleessuu dandeenya),
  • Custom ROM mataa keenyaa kan barbaanne fi waan feene fe’achuu dandeenya,
  • Applikeeshinoota Hacking dhaaf nu gargaaran, garaagaraa salphaatti bilbila keenya irratti fayyadamuu dandeenya,
  • Wantoota dhokatan adda addaa arginee itti dhimma bahuuf nu gargaara,
  • Jireenya ‘Battery’ keenyaa ykn battery life keenya fooyyessuu nu dandeessisa,
  • Memory card irratti Application fe’uuf ni oola,
  • TOR fayyadamnee interneetii irratti eenyummaa keenya of dhoksuuf,
  • Application rakkoo compatibility (wal simanna version bilbilaa fi Application) qabu install godhachuu ni dandeenya, fi faayidaalee kanneen biroos ni qaba.

Miidhaa Bilbila Keenya ‘Root’ Gochuun Dhufu Maali?

Bilbila keenya Root gochuun akkuma gubbaatti ilaalle faayidaalee hedduuf ni oola faallaa kanaammoo bilbila keenya akkas gochuun, akkuma faayidaa qabu miidhaa guddaas ni qaba.

Miidhaa inni qabus kanneen armaan gadiidha:

  • Bilbilli keenya tarii cufamee achumaan hafuu ni danda’a,
  • Bilbilli keenya salphaamatti vaayresiidhaan miidhamuu ni danda’a,
  • Phone warranty bilbila keenya nu jalaa dhaabuu danda’a,
  • Hanqinoonni adda addaa uumamuu danda’u,
  • Saffisni bilbila keenyaa hir’achuu fi dadhabuu danda’a.

Sooftweerota ‘Root’ gochuuf nu gargaaran maal fa’i?

Sooftweeronni bilbila keenya root gochuuf nu gargaaran hedduu ta’anis isaan keessaa baay’ee filatamoo fi jaallatamoon isaan gadii kanadha.

  • UniversalAndRoot,
  • KingRoot,
  • KingORoot,
  • UnRevoked,
  • SupperOneClick,
  • Superboot.
  • ‘SupperOneClick’ kompiitara irratti buufachuudhaan bilbila keenya USB cable dhaan erga wal qunnamsiisnee booda ‘Root’ kan jedhu tuquun ‘Root’ gochuu dandeenya. Yoo bilbilli keenya fooyya’insi yookaan version isaa ‘Android 4.0’ fi sanaa gadi ta’e KingRoot Application  bilbila irratti buufachuudhaam salphaamatti ‘Root‘ taasisuun fayyadamuu dandeenya.

Waan Dubbistaniif Ulfaadhaa, Maxxansa kana hiriyyoota keessaniif qoodaa, Maxxansa keenya kan biroo immoo Marsariitii kana jalaa dubbisuu dandeessu, Guddaa Galatoomaa Nagaatti!

Download

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *