MOBILES

Bilbila Haaraa Yeroo Bitnu Maalsaa Ilaaluu Qabna?

Baga nagaan gara marsariitii keenya HDASE dhuftan jechaa har’a odeeffannoo waa’ee bilbilaan wal qabatu qabannee isiniif dhufneerra, Innis Yeroo bilbila smartphone haaraa bitannu wantoota sirriitti adda baafannee beekuu qabnudha. Kanaafuu bilbila gaafa binnu wantota ilaaluu fi beekuu qabnutu jiru.

Isaanis Kanneen Armaan Gadiidha:

1. Processor

Processor kun nama yeroo hedduu bilbila fayyadamu yoo taane jechuunis photo, video, document fi kan kana fakkaatan edit kan goonuu fi akkasumas online dhaan video stream kan fayyadamnu taanaan bilbila processor isaa Qualcomm Snapdragon 652 yookiin Snapdragon 820/821 ta’e filachuun gaariidha. Namoota warra kaaniif garuu bilbilli MediaTek processor baay’ee kan filatamaa ta’edha.

Kanaafuu bilbila haaraa tokko bitu keenyaan dura processing speed (saffisa inni ittiin hojii kennameef tokko hojjetu) GigaHertz (GHz) dhaan ibsamu sana ilaaluu dirqama qabna. Speed (saffisa) isaa olka’aadha taanaan (jechuunis GHz guddaa), processor isaa illee ariifataa ta’a jechuudha.

2. Camera

Suuraawwan yookaan viidiyoowwan adda addaa kaasuu fi waraabuuf akkasumas ofiif illee ka’uuf fedhii kan qabnu taanaan kaameeraan fuul duraa (front) osoo 8MP fi sanaa ol kan duubaa/back (rare) immoo 12MP yookaan 16MP fi sanaa ol ta’uun isaa filatamaadha.

3. Battery

Bilbila keenya yeroo dheeraaf nama baay’ee fayyadamnu yoo taanee fi application adda addaa banuudhaan kan dhimma itti baanuu fi dabalataanis online video stream ni fayyadamna taanaan smartphone kan battery isaa 4000mAh fi isaa ol ta’e ta’uu qaba. Namoota giddu galeessaan itti fayyadamaniif garuu 3000mAh hamma 3500mAh gidduun gahaadha.

4. Memory

Bilbilli nuti fayyadamnu memory gosa lama (2) akka inni qabu beekamaadha.

  • Read Only Memory (ROM) fi
  • Random Access Memory (RAM) dha.

RAM’n processor waliin ta’uudhaan operation yookaan hojiilee hojjatamanii fi ariitii (speed) bilbila keenyaa murteessuu irratti gahee guddaa taphata.

ROM (internal storage) immoo waa’ee storage (kuusaa) isaa kan ilaallatudha. Wantoota akka video, photo, music, files OS, application fi kan kana fakkaatan kuusuuf (store) gochuuf fayyada.

Nama bilbila isaatti baay’ee dhimma bahuuf:

  • RAM 3GB ykn 4GB fi ol
  • ROM 32GB ykn 64GB fi sanaan ol baay’ee gaariidha.

5. Mobile Network

Yeroo ammaa kana biyya keenya keessatti 4G bakka baay’eetti waan babal’ateef, akkasumas interneeta saffisa ol aanaan fayyadamuuf bilbila networkiin isaa 4G support godhu yookiin kan qabu bituun barbaachisadha.

6. Operating System (OS)

Android fi iOS keessaa tokko filannoo keenya godhanna, garuu biyya keenya keessatti android baay’inaan gabaa irra waan jiruu fi tajaajila isa illee salphaatti argachuu waan dandeenyuuf, filannoon keenya isa osoo ta’e baay’ee gaariidha.

Android kun haaromsa (version) adda addaa waan qabuuf jalqaba sana ilaaluutu nurra jira. Android 9 fi Android 10 version (haaromsa) dhi’eenyaati waan ta’aniif; jarreen kana keessa tokko osoo ta’ee gaaridha. sababiin isaas application dhi’eenya bahaa jiran android version dhi’eenya (latest) ta’an qofa irratti dalagu waan ta’eefidha. Akkasuma android version 13 fi 14 illee baay’ee filatamoodha.

7. Security

Security kanneen akka fingerprint sensors, face lock yookaan iris sensors osoo qabaatee, nageenya barbaachisaa ta’e bilbila keenyaaf kennuu danda’a. Ta’us garuu yoo faayila baay’ee of eegganno barbaadan kanneen akka, document fi media files kana jechuunis photo, video, fi kanneen kana fakkaatan yoo qabaanne ibsitun kun (feature) akka password yookiin passcode tti illee dabalataan nu tajaajilu ni danda’a.

Barnoonni nuti har’a isiniif qabannee dhufne kana fakkaata, Barnoota biroodhaan walitti ni deebina Marsariitii keenya jala seenuun qabiyyee jiran hafan dubbisa. waan dubbistaniif Guddaa Galatoomaa Nagaatti!

One thought on “Bilbila Haaraa Yeroo Bitnu Maalsaa Ilaaluu Qabna?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *