MOBILES

Memory Bilbila Keenyaa Keessa Maaltu Guute Jira Laata?

Baga nagaan gara marsariitii keenya Hdase dhuftan jechaa har’a akkuma mata duree isaa dubbistanitti Memory Bilbila Keenyaa Keessa Maaltu Guute Jira Laata kan jedhu walumaan ilaalla, kanaafuu hamma xumura maxxansa keenyaatti qalbiidhaan dubbisaa isiniin jechuun barbaada.

Yeroo baay’ee yommuu Application haaraa install goonu yookaan yeroo faayiloota adda addaa kanneen akka Audio, Video, Photo, fi kan kana fakkaatan gaafa dabarfachuuf jennu Insufficient Storage Avaliable yookiin Memory fully jechuudhaan notificationin maaliif nutti ergama kana beektuu?

Bilbilli Keenya Insufficient Storage Yookaan Memory Fully Maaliif Jedha?

Rakkoon akkanaa gaafa nu mudatu Memory Space bilbila keenyaa akkamitti Free akka goonu waaliin ni ilaalla. Garuu notification kun sababa maaliifidha nutti ergama kan jedhu dursinee sirriitti haa ilaallu.

Operating System’n Android app install gochuuf yookaan faayila kuusuuf yeroo bakka gahaa ta’e dhabu notification kana nutti erga. Kana irraa ka’uunii fi kana waliin wal qabatee Applications bilbila keenya irra jiran Storage nu jalaa akkamittiin akka fayyadaman waliin haa barannu.

Applications yeroo install ta’an bakka mataa isaanii memory keenya irraa ni fudhatu. Applications kunneenis bakka daataa mataa isaanii Kawwatan memory irraa ni qabu (fakkeenyaaf; App Telegram fudhannee ilaaluu ni dandeenya)

Moosajiiwwan (Applications) bakka yeroodhaaf (yeroo muraasaaf) faayila catch gochuun ol kaawwatan ni qabu. Faayiloonni catch irra taa’aan kunneenis bakka guddaa ni fudhatu. Kanaafuu rakkoo isaa fi akkaataa itti fayyadama storage isaanii erga barree booda furmaanni isaanii immoo maali?

Furmaata Storage’n Bilbila Keenyaa Kan Guuteef

Jalqaba irratti Storage’n bilbila keenyaa maaliin akka guutame jiru sirriitti adda baasnee ilaaluu qabna.

Kana ilaaluufis:

1ffaa: Setting bilbila keessanii keessa seentu,

2ffaa: Storage kan jedhu filachuun keessa seentu,

Iddoo kana irratti RAM, Internal Storage, SD Card, bakka hammamii qabatanii akka jiran dhibbeentaa (%) dhaan nutti agarsiisa.

3ffaa: Internal Storage keessa cuqaastu

Avaliable‘ kan jedhu Memory keenyarraa bakka Free nuti qabnudha.

System‘ kan jedhu immoo Operating System bilbila keenyaa ofii isaa fi Applications isa waliin dhufan ykn oomishaman kanneen akka Chrome, Maps, Phone, Gmail, Google, Contacts, Photo, Drive fi kanneen kana fakkaatan kuusuuf hamma Memory inni qabate kan nutti agarsiisudha.

Owners‘ ammoo Applications fi Suuraawwan akkasumas Audio fi Video adda addaa nuti bilbila keenya irratti kuufannee jiru agarsiisa.

Kanneen armaan olitti isiniif ibsaman keessaa kan iddoo guddaa qabatan ilaaluun, Applications yoo ta’e yeroo hedduu itti hin fayyadamnu yookaan dhimmaaf itti hin gargaaramnu taanaan Uninstall gochuu qabna.

Uninstall gochuuf immoo jalqaba irratti gara Setting bilbilaa seenna itti fufee Apps kan jedhu tuqna, kanatti aansee app itti fayyadamaa hin jirre Uninstall goona.

Audio, Photo yookiin Video yoo ta’e immoo kan nu hin barbaachifne filachuudhaan delete keessaa goona.

Clear data‘ isa jedhu tuquudhaan immoo Catch Memory irra faayiloota jiran balleessuudhaan qulqulleessuu dandeenya.

Akka dabalataatti (bonus) immoo faayiloota iddoo guddaa qabatanii jiran, Internal Storage irraa Cut (move) gochuun SD card irratti paste gochuu qabna.

Filannoo inni kan biraa immoo bilbila keenya irratti iddoo faayiloonni haaraan yeroo dabarfannu seenanii fi akkasumas application irratti install ta’an default isaa gara SD Card (Memory Card) tti jijjiiruudha.

Kana gochuuf immoo:

Jalqabarratti gara Setting seentu kana booda Storage kan jedhu lixxu, itti fufee Applications storage location kan jedhu irraa gara removable SD card tti jijjiirtu. Itti aansee Setting storage default write disk kan jedhu gara removable SD card kan jedhuutti jijjiirtu. Akkasumas preferred install location seenuun isaas gara removable SD card kan jedhutti jijjiirtu.
Sirna armaan olii kana seeraan hordofuun yoo kan itti fayyadamtan taatan, storage bilbila keessanii guutee isin hin rakkisu kanaafuu haala amma ani isiniif qoode kana fayyadamuun storage bilbila keessanii qusachuu fi akka hin guutne gochuu dandeessu.

Waan dubbistaniif Guddaa Galatoomaa, Hiriyyoota keessan kan bilbilli isaanii storage isaa guutuun rakkachaa kan jiran, jiru waan ta’ee maaloo isaaniif share godhaafii isaanis itti haa gargaaraman. maxxansa adda addaa marsariitii keenya jalaa waan qabnuuf dubbisuu dandeessu, Ulfaadhaa.

DOWNLOAD

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *