APPLICATIONS

Faayila Bilbila Keenyarraa akka Hin Badnetti Akkamiin Keewwanna?

Baga Nagaan Gara Marsariitii Keenya HDASE tti dhuftan jecha har’a akkuma mata duree isaa irratti argaa jirtan Faayila Bilbila Keenyarraa Kamuu akka Hin Badnetti Akkamiin Ol Keewwanna jedhu hamma xumuraatti waliini ni ilaalla.

Maloota akkamii fayyadamna?

Akkaataa faayiloota keenya (Suuraa, Sagalee, Vidiyoo, Barreeffamaa, fi kan kana fakkaatan ) ol kaa’achuu dandeenyu waliin ni baranna. Ati maxxansa kana kan dubbisaa jirtu, nama faayilli bilbila irraa jalaa baduun rakkate yoo taate, malli kun immoo furmaata filannoo hin qabneedha.

Akkaataa fi haala ani amma isinitti agarsiisu kanaan faayila billbila keessan irraa qabdan yoo ol kaa’attan yoom iyyuu na jalaa bada jettanii yaadda’uun isin bira hin jiru. Tarii bilbilli keessan isin jalaa baduu danda’a. Garuu faayiloota isin ol kaa’attanii fi bilbila keessan isa isin duraa bade, wanti walitti hidhu tokkollee hin jiru. Faayila billbila ofii fayyadamtan kan duraanii irra ture bilbila haaraa irratti yookiin kompiitara keessan irratti login gochuudhaan argachuu ni dandeessu.

Malli kun isinitti haaraa ta’uu dhiisuu danda’a, garuu itti gargaaramaa hin jirru taanaan akka itti fayyadamuu eegalluufan isin jajjabeessa.

Akkamitti Faayila kamuu akka yoomiyyuu nu jalaa hin badnetti ol kaa’achuu dandeenya?

Dursa irratti waan nuti hubachuu qabnu, Faayilli ol kaa’amuu ‘E-mail’ keenyaan walitti kan hidhamu ta’uu isaadha. Hamma Email keenya beeknutti faayila keenya guutuu isaa Gosa bilbila kamiyyuu irratti, Gosa kompiitaraa kamuu irratti, Biyya kamittuu fi yeroo kamittuu argachuu ni dandeenya. Akkasuma immoo faallaa kanaatiin Email keenya yoo daganne ta’e, faayilli keenyas iddoo inni jiru dagannee jirra jechuudha.

Dhaabbanni yookaan Kaampanii Guddaan Google tajaajiloota dhibba lamaa (200) ol kenna. Isaan kana keessaa kan nuti baay’inaan beeknu, YouTube, Website, Play Store fi Gmail ta’uu danda’a, akkasuma kanneen biroo jiraachuu malu. Garuu kanaan ala kan biroollee osoo faayyadamnee baay’ee irraa fayyadamuu kan dandeenyu ni jiru.

Fakkeenyaaf: kanneen akka armaan gaditti har’a ilaaluuf deemnuu ni jiru.
Google’n nama tokkoof (Email tokkoof) kuusaa (storage) 15GB bilisaan (free) kenna. Kuusaa yookaan storage nuuf kenname kana irra faayila gosa kamiiniyyuu ol kaa’achuu dandeenya.

Faayilli keenya kan nuti ol kaa’achuu barbaadnu kana caalaa guddaa yoo ta’e; Kuusaa dabalataa Google irraa qarshiidhaan bitachuu ni dandeenya. Kuusaa kanas gara 100GB, 200GB fi sanaan olitti nuuf guddisu jechuudha. Yoo kaffaltii isaa raawwachuu hin dandeenyu ta’e, Application biroo tajaajiluma kana fakkaatu kennan akka dabalaataatti faayyadamuu ni dandeenya.

Fakkeenyaaf: Application Mega fi OneDrive baay’ee filatamoodha. Appiin kun lamaanis GB dabalataa argachuuf kaffaltii nu gaafachuu danda’u. Haa ta’uuiyyuu malee kuusaan Google isiniif kennu, 15GB jechuun SUURAA, VIDIYOO fi AUDIO murteessoo qofa yoo irratti feetan yookaan irra yoo ol keeeean isin gahuu ni danda’a. Barreeffamni fi Lakkoofsi iddoo guddaa hin fudhatu waan ta’eef hamma kanatti yaaddessaa miti.

Faayiloota kanneen asii olitti jennee fi Dokumantiiwwan garaa garaa Sarvara Google irra ol kaa’achuuf kanneen nu tajaajilan App gosa afurtu (4) jira. Isaan keessaa Lama bilbila haaraa yookaan ammayyaa yeroo ammaa waliin kan dhufuu fi Lama immoo kan Application play store irraa download (install) godhamanii itti fayyadamnudha.

Mee Isaan Keessaa Kanneen Gadii Haa Ilaalluu:

  • Google Photos,
  • Google Drive,
  • Google Keeps,
  • Google Contacts.

Appiiwwan kanneen armaan olii kana maqaa isaanii ilaaluun salphaatti maaliif akka nu gargaaranii fi akkamitti akka nu fayyadan hubachuu dandeenya. Garuu dubbistoota maxxansa keenya kana maraaf akka sirriitti ifa ta’uufiif jecha tokkon tokkoon Applications kanaa haala asii gadiitiin ni ilaalla.

1. Google Photos

Google Photos: Application kana irratti Suuraalee lakkoofsaan baay’ee fi guddaa ta’an irratti fe’achuun ol kaawwachuu dandeenya. Google Photos bilbiloota ammayyaa ta’aan hedduu isaanii waliin waan oomishamee dhufuuf bilbila keessan irra ilaalaa, yoo dhabdan Google Photos jechuun play store irraa download godhadhaa itti fayyadamaa.

2. Google Drive

Google Drive: Application kana irratti faayiloota gosa garaa garaa baay’ee irratti fe’achuu dandeenya. Irra caalaatti Vidiyoo fi Audiyoo, akkasumas faayiloota kanneen akka PDF fi dookimantii adda addaa yoo irratti fe’anne baay’ee gaaridha. Suuraallee irratti fe’achuu ni dandeenya. Garuu App kan nuti jalqaba jenne ‘Google Photos’ suuraadhaaf waan qophaa’ee jiruuf suura irra keewwachuuf jennee Google Drive faayyadamuun dirqama miti. Google Drive illee bilbiloota ammayyaa ta’an hedduu isaa waliin waan dhufuuf bilbila keessan irra ilaaluun check godhaa, yoo dhabdan Google Drive Application play store irraa buufadhaa itti gargaaramaa.

3. Google Keeps

Google Keeps: Kunis Application barreeffamoota adda addaa baay’ee fi dheeraa ta’an akka irratti fe’annuuf nu gargaara. Barreeffamoonni kunis yoomiyyuu nu jalaa baduu hin danda’an. Yaadannoo (Note) yommuu qabannus, asuma App Google Keeps keessa seenuu achirratti qabachuu dandeenya. Wanti adda isa godhu, Fakkeenyaaf; Gaafa yaadannoo barreessinu sagaleedhaan (record) gochaa yaadannoo keenya bira kaa’achuu dandeenya. Akkasuma suurri yaadannoo sana waliin wal qabatu yoo jiraate itti dabaluu dandeenya. Appiin Google Keeps bilbila baay’ee waliin waan hin dhufneef, Play Store irraa search gochuun buufattani itti fayyadamuu dandeessu.

4. Google Contacts

Google Contacts: Appiin kun filannoowwan biroo kan lakkoofsa bilbila namootaa irratti qabachuu (save) gochuu dandeenyudha. Akkuma fayyadamtoonni bilbilaa hundi keenya beeknu bilbilli kamuu ‘Contacts’ of irraa ni qaba. Yoo fedha keenya ta’e kanuma bilbila keenya irra jiru fayyadamuu dandeenya. Yoo bifa yookaan yaadaa fi haala fooyyee qabuun faayyadamuu barbaanne, Application “Google Contacts” buufachuudhaan itti fayyadamuu dandeenya.

Waan dubbistaniif Guddaa Galatoomaa Odeeffannoowwan teeknooloojii barsiisoo ta’an kanneen kanaan dura lakkifamanii fi kanneen gara fuula duraatti lakkifaman illee argachuuf website kana seeraan na hordofaa ulfaadhaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *