MOBILES

Vaayiresiin bilbilaa maalidha? Miidhaa akkamii nu irraan gaha?

Vaayiresiin bilbilaa maalidha?
Miidhaa akkamii nu irraan gaha? Akkamittin of irraa ittisna?

Vaayiresii jechuun koodii kompiitaraa yookaan kan progiraamaa yommuu ta’u, yeroo hedduu kan uumamu namoota ogummaa kompiitaraa (programming) gadi fageenyaan qabanii fi beekaniin hojjatama.

Vaayirasiin gosoota hedduutu jiru, isaan keessaa:

  • Spyware virus,
  • Malware virus,
  • Ransonware virus,
  • Adware virus,
  • Trojan virus fi kan kana fakkaatan jedhamuun waamamu. Hundi isaanii akkuma maqaa isaanii hojiin isaaniis gargaridha.

Hojiin Vaayirasii Maali?
Miidhaa akkamii nu irraan gahuu danda’a?

  • Bilbila keenya balleessuu (Damage) gochuu.
  • Faayiloota barbaachisoo ta’an nu jalaa balleessuu fi dhoksuu. Fakkeenyaaf: Music, Photo, Video, Application fi Document adda addaa akka nuti deebisne argachuu hin dandeenyetti dhabamsiisuu danda’a.
  • Bilbila keenya Password yookaan Pattern nuti hin beeknen cufuu danda’a. kana jechuun Jecha Darbii ykn passcode kan keenya malee kan nuti hin beekneen hidhama. yeroo baay’ee namoonni gocha akkana raawwatan Jecha Darbii yookaan password hidhameen sana isiniif kennuuf kaffaltii hin barbaachifnee fi guddaa nama gaafatu.
  • Hojii yookiin dalagaa Operating System (OS) bilbila keenyaa wal keessa nu jalaa balleessuu danda’a. kana jechuun bilbilli keenya hojii isaa sirnaan akka hin hojjanneef busy gochuu fi gufuu itti ta’aa jechuudha, yeroo kanatti bilbilli keenya osoo nuti hin ajajin ofumaa of ajajuu eegala, waan nuti hin tuqin ofii tuttuqa.

Fakkeenyaaf: Application tokko banee cufuu, Flight Mode irra oolcuu, Switch off gochuu, deebisee ofumaaf banuu (restart/reboot) fi amaloota akkasii hedduu agarsiisa.

  • ‘Software File’ Delete nu jalaa gochuu. Software File’n immoo haqamnaan keessa bilbila keenyaa sirreessun baay’ee kan nutti ulfaatuu fi kan nu rakkisudha.

Kanneen armaan olitti tarreeffaman hundi Eeyyama Abbaa bilbila sanaa malee gocha raawwatamudha.

Vaayirasii bilbila keenya irraa ittisuuf Qabxiilee armaan gadii haa ilaallu.

Qabxii 1ffaa:

Bakkoota hin beekamnee fi marsaariitii Fake ta’an irraa waa
download gochuu dhiisuu.

Fakkeenyaaf: Application tokko yoo buufachuu barbaanne Play store fi App store keessaa search gochuun barbaadnee buufachuu qabna. Yoo marsaariitii maalummaan isaa hin beekamne irraa download kan goonu ta’e, vaayirasii qabatee bilbila keenya keessa seenuu danda’a.

Marsaariitii Fake ta’an irratti yeroo hedduu vaayirasiin baay’inaan gadhiifamuun ni beekama. kanaafuu, bakka Amansiisaa ta’e qofarraa wanta feetan Download godhachuun ni gorfama, rakkoo kana ofirraa ittisuufis dirqamadha.

Qabxii 2ffaa:

Softweerii bilbila keenyaa yeroo yeroon Update gochuu qabna. Akkuma beekamu bilbilli keenya yeroo Update itti godhamu yoo gahe, notification gubbaa irratti nu beeksifama. Yeroo kanatti har’aa, boru jechuu osoo hin taane battaluma notification sana arginetti Update gochuun baay’ee gaaridha. Bilbilli keenya Software Update yoo godhame yeroo waliin akka tarkaanfatu fi fuulota haaraa hedduu akka fayyadamnuuf nu taasisa. kun immoo carraan vaayirasiin hubamuu bilbila keenyaa akka xiqqaatu godha.

Software Update gochuuf:

Yeroon update itti godhamu yoo gahe akkuma olitti jenne notification gubbaa irratti isin beeksifamuu ni danda’a. yoo isin hin beeksifamin hafeef immoo ofuma keessanii software update ajajuu dandeessu.

Kana gochuufis:

Jalaqaba gara Setting seentu itti fufee About Phone kan jedhu tuqaa. itti aansun Software Update kan jedhu ni arganna achi keessa seenuun cuqaasna ykn click goona. Yeroon isaa kan gaheeru yoo ta’e update ta’uu ni eegala.

Qabxii 3ffaa:

Antivirus sirrii ta’an faayyadamuun Faayiloota fi Aappota bilbila keenya irra jiran hunda Scan gochuu qabna. Scan yeroo goonu kanneen bilbila keenya keessatti gocha addaa adeemsisan gargar waan nuu baasuuf battalumatti kan rakkoo qabu sana balleessuu qabna. Kanaafis Antivirus sirrii ta’an gargaaramuun dirqamadha.

Antivirus Sirrii (Orginal) jedhamuun jaallatamummaa guddaa kan qaban kanneen akka:

  • Norton Antivirus,
  • Kaspersky Antivirus,
  • AVG Antivirus,
  • Avast Antivirus,
  • Avira Antivirus,
  • Bitdefender Antivirus,
  • McAfee Antivirus fa’adha. Applications kanneenis Palystore keessaa argattu Hundi isaanii hojii isaanirraa eegamu sirnaan ni raawwatu. Namoota miiliyoonaan lakkaa’amaniin Download godhamanii jiru. Isiniis gaafa fayyadamuu feetan kan bilbila keessaniin wal simu ilaaluun buufadhaa faayyadamaa.

Qabxii 4ffaa:

Karaalee vaayirasiin bilbila keenya ittiin seenu keessaa inni jaqabaa karaa Email dha.

Fakkeenyaaf: Gmail fudhannee ilaallu dandeenya. Yeroo hedduu Hidhaan (link Email) nuti hin beekne irraa yoo gara keenya dhufe banuu irraa of qusachuu qabna. Ergaawwan karaa Email’n nu qaqqaban salphaatti vaayirasiin keessa dhokfamuu ni danda’u. Nutis adda baasu dhiifne yoo irratti cuqaasnee banne dafee Download ta’uun, vaayirasiin inni qabate bilbila keenya keessa galuu danda’a.

Qabxii 5ffaa:

Internet (Data & Wifi) banaa yommuu ta’an; yeroo hunda of eeggannoo taasisuu. sababni isaas; yeroo kanatti notificationiwwan Eeyyama keenya barbaadan nutti dhufuu danda’u.

Fakkeenyaaf: Allow or Decline nuun jedhee nu gaafachuu danda’a. Yoo Nuti bilbila keenya itti faayyadamuuf jennee itti fufuuf ariifannee, Wanta eeyyama nu gaafatu sanaaf Allow yoo jenne osoo maalummaa isaa hin beekin Eeyyama nu gaafatu laanneefii jirra jechuudha. Wanti nuti eeyyama keenya laanneef sun vaayirasiidha yoo ta’e kallattiin hojii isaa hojjechuu eegala. Kanaafuu Notification nutti dhufu hunda, osoo maalummaa isaa hin beekin gonkumaa Eeyyama laachuufi hin qabnu. Kan hunda yoo eeggannoo goone bilbilli keenya miidha gana vaayirasiin irra gahuuf jiru hunda ni eegganna jechuudha.

Xumurameera, waan dubbistaniif Guddaa Galatoomaa Gaaffii Yoo Qabaattan Comment Irratti Nuuf Barreessaa, Maxxansa Biroo Marsariitii Keenya Kana Jalaa Ni Argattu Dubbisaa Ulfaadhaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *