HEALTHS

Bilbila Network fi Internet Hojjechuu Dide Sirreessuuf.

Akkamitti Bilbila Network fi Internet hojjechuu dide sirreessuun, akka hojjetu gochuu dandeenya?

Akkam jirtu hordoftoota marsariitii keenyaa kan taatanii fi dubbistoota maxxansa kanaa, baga nagaan dhuftan jechaa, gama keenya kana dhuftanii odeeffannoo Teekinoolojii adda addaa waan argattaniif hamma xumura maxxansa keenyaa dubbisuu hin dagatinaa.

Jalqaba bilbila tokko irraa yeroo netwoorkiin baduu rakkoo Sim Card moo rakkoo Network waan jedhu adda baafachuu qabna.

Bilbilli tokko rakkoo netwoorkii qaba kan jennu yoo mallattoolee kanneen armaan gadii agarsiisedha.

  • No service,
  • Emergency call,
  • Registration failed,
  • Invalid Sim card fi kan kana fakkaatan yoo agarsiise rakkoo netwoorkiidha jenna.

Rakkoowwan akkanaa kun sababoota armaan gadiitiin dhufuu danda’u:

  • Rakkoo Network IC (Hardware Problem),
  • Rakkoo IMEI number,
  • Rakkoo Anteenaa (Hardware problem).

Yeroo baay’ee rakkoon hojjechuu diduu netwoorkii bilbilaa, sababa rakkoo IMEl Number dha. Rakkoon akkasii yeroo hedduu bilbiloota xixiqqoo irratti kan mul’atudha. Kanaafuu, furmaanni isaa IMEI number jijjiiruu dha. IMEI Number bilbila keenyaa ilaaluuf gara phone calls bilbila keenyaa keessa seenuun *#06# barreessuun irratti bilbilla. Kanatti fufee Lakkoofsa dijiitii 15 qabu nuuf fida. Kanaafu lakkoofsa kana jijjiiruutu nurra jiraata.

Akkamitti IMEI Number jijjiiruu dandeenya?

IMEI Number jijjiiruuf koodii bilbilaa kanneen armaan gadii keessaa kan isiniif hojjete faayyadamaa.

  • *#0160# (Techno baay’ee irratti hojjeta),
  • *#0161# , *#0162# , *#0066# (Isim irratti hojjeta),
  • *#0011# (Smadel irratti dalaga),
  • *#346# , #020# , *#0120# , *#1120# , ##601## , *#8378#1# (bilbilloota xixxiqqoo hunda irrattii ni hojjeta) koodii olitti isiniif eerre kana keessaa kan isiniif hojjete fayyadamuun jijjiirtu.

IMEI Number haaraa erga jijjiirtanii booda bilbila keessan cufaatii banaa, netwoorkiin isiniif deebi’a. Ammallee yoo deebi’ee akkuma duraa ta’ee akkuma duratti jijjiirtanitti IMEI Number haaraa kan biraa yaalaa.

Gama biraatiin osoo SIM CARD’n keenya bilbila keessa jiruu, mallattoolee fi jechoota kanneen akka:

  • Insert Sim Card,
  • No Sim Card Present,
  • No SimCard Inserted,
  • SimCard Registration Failed fi kanneen kana fakkaatan kan agarsiisu yoo ta’e immoo rakkoo alaa (Hardware Problem) jechuunis board sim card irra galuu irratti rakkoon qaqqabeera waan ta’eef mana suphaa mobaayilaa geessuun ilaalchisuun hojjechiifadhaa.

Bilbilli keenya yoo data internet hojjechuu didee akkamiin sirreessina?

Dabalataan Bilbila internet hojjechuu didee fi bilbila haaraa akkaataa itti interneetii hojjechiifnu haa ilaallu.

Akkuma beekamu yeroo tokko tokko bilbilli keenya interneetii guutummaa guutuutti hojjechuu dida yookaan waan hunda nuuf hojjechuu didee yeroo nu rakkisu ni argina.

Kanaafuu, gaafa rakkoon akkasii isin quunnamu akkaataa fi gosa bilbila keessanii irratti hundaa’uun access point keenya itti guutuudhaan sirreeffachuu dandeenya.

Namoota Biyya Keessa Jiraattaniif.

Namoonni biyya keessa kan jiraattan taatanii bilbila touch screen yookaan Smartphone fayyadamtan tarkaanfiwwan kana gadii hordofaa.

jalqabarratti gara Settings seentu achii booda > Network & internet keessa seentu itti fufee > Mobile networ keessak lixxu > sana booddee Access point kan jedhu keessa erga seentanii Mallattoo (+) yookiin Add jettu tuquun, bakka ‘Name’ jedhutti etc jettanii barreessuun itti guutaa, iddoo ‘APN’ jedhu keessatti immoo etc.com jechuun barreessitanii guutuun ‘Save’ godhaa.

Namoota biyya alaa jiraattaniif.

Namoonni biyyoota biroo yookaan biyya alaa jirtanis ‘access point’ biyyichaa guutaa. Google irratti maqaa sim card faayyadamtanii search gochuun argachuu dandeessu ykn dhaabbata Telekoomii siimii irraa bitattan yoo gaafattan isiniif himu. Akkasuma hiriyyoota keessan warreen isinitti dhi’aataniin sim card wal fakkaataa yoo faayyadamtan kan isaanii irraa ilaaluun osoo hin dogoggorin seeraan guuttachuu dandeessu.

Waan dubbistaniif Galatoomaa maxxansi kun isin fayyadeera taanaan hiriyyoota keessaniif share gochuu dandeessu. Akkasuma maxxansa kanaan wal fakkaatu Marsariitii keenya keessaa dubbisuu dandeessu, gaaffii yoo qabaattan comment irratti nuuf barreessaa Ulfaadhaa!

2 thoughts on “Bilbila Network fi Internet Hojjechuu Dide Sirreessuuf.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *