HEALTHS

Furmaanni Bilbila App not installed jedhuu maali?

Bilbilli Android sababa maaliif App not installed jechuun app keenya install nuuf gochuu dida? Furmaanni isaa immoo maalidha?

Moosajii (Application) haaraa tokko yommuu install gochuudhaaf yoo jennu ‘App not installed’ kan nuun jedhuuf sababoota gurguddoo saddeet (8) qaba.

Sababoonni kunneenis:

  1. Application wal fakkaataan dursee bilbila keenya irra jiraachuu.
  2. Android version bilbila keenyaa wajjin wal madaaluu dhabuu (compatibility problem).
  3. Rakkoo siistamaa (System problem) qabaachuu app sanaa.
  4. Kallattiidhaan install ta’uu diduu.
  5. Rakkoo ‘App preferance’ qabaachuu.
  6. Teessoo app sana biyya nuti jiraannu keessatti hojjechuu dhabu.
  7. Rakkoo ‘Package installer’ yoo uumamu jiraate.
  8. Free space yookaan iddoo gahaa dhabuu.

Sababoonni isaa kanneen armaan olii yommuu ta’u, furmaanni rakkoo kanaa kan armaan gadiiti.

Furmaanni kunis:

  1. Yeroo hedduu application tokko yommuu install gochuuf jennu ‘App not installed’ jedhee kan nu diduuf, moosajiin (application) kan isa fakkaatu yoo bilbila keenya irra jiraatedha. Kanaafuu moosajii (application) isa fakkaatu kan jalqabaa uninstall gochuudhaan balleessuu qabdu.
  2. Application haaraa isin install gochuu barbaaddan Android Version moobaayila keessanii irratti hojjechuu dhiisuu danda’a. Kanaafuu Appiicha edit gochuu qabdu.

Appii edit gochuuf tarkaanfii armaan gadii sirnaan hordofaa:

Tarkaanfii 1: Appii maqaan isaa ‘apk editor’ jedhamu interneetii irraa yookaan play store irraa buufadhaa.

Tarkaanfii 2: Moosajii (application) Apk editor install erga gootanii booda “Open” gochuudhaan, ‘select apk from App’ kan jedhu cuqaasuudhaan ‘Common edit’ kan jedhu keessa seenaa.

Tarkaanfii 3: Achi keessaa ‘Install location’ kan jedhu default godhaa.

Tarkaanfii 4: kanatti aansuun “Version Code” kan jedhuu jijjiraa. Koodicha yommuu jijjiirtan koodiin jijjiirame mobaayilicha kan madaale ta’uu qaba (Kanas App installed ta’ee bilbila keessan irra jiru ilaaltanii jijjiiruu ni dandeessu).

Tarkaanfii 5: Save gochuudhaan Install godhadhaa.

  1. Moobayilichi yeroof rakkoo siistamaa (Temporary System Problem) Yoo qabaate Appii haaraa ta’e Install gochuu nun dandeessisu. Rakkoo kana furuuf immoo moobayilicha restart (reboot) godhachuu qabdu.
  2. Appiin kallattiidhaan Install ta’u hin dandeenye ni jiru. Fakkeenyaaf: Base.apk, Config-Archi.Apk kanneen jedhaman. kanaaf; App akkanaa install gochuuf yoo cuqaasnu ‘Open with’ jedhanii filannoo adda addaa fidu malee Install kan jedhu hin argisiisan.

Application akkasii Install gochuuf immoo appii maqaan isaa ‘SAI (Split App Installer)’ jedhamu bilbila keessan irratti install godhadhaa. Itti aansuun app install ta’uu dide sanatti deebi’aa. Itti fufee ‘Open with’ jedhee filannoo garaa garaa gaafa isiniif fidu ‘SAI’ isa jedhu filadhaa. Kana booda ‘SAI’ sana fayyadamuun isa keessaan install gochuu dandeessu.

  1. Setting bilbila keessanii keessa seenuun ‘Reset App Preferance‘ godhadhaa. Kana gochuufis tartiiba armaan gadii kana hordofaa. Jalqaba irratti gara Settings bilbila keessanii seenuun, itti aansee Apps kan jedhu filattu sana booda Menu (mallattoo sarara sadii) gubbaarra jiru filattu achii booddee Reset app preferances godhattu.
  2. Appichi memory card irra yoo jiraate gara Internal Storage tti dabarsuun Install godhachuu yaalaa.
  3. Rakkoo ‘Package Installer’ yoo uumamedha.

Rakkoo akkasii kana furuuf, tartiiba armaan gadii sirnaan hordofaa:

Dursa irratti Settings keessa seenuun Manage apps kan jedhu filadhaa sana booddee Package Installer kan jedhu Clear data and Clear cache godhaa.

  1. Bilbilichi ‘Free Space’ gahaa qabaachuu fi qabaachuu dhiisuu isaa adda baafadhaa. Yoo hin qabu ta’e application kan biroo, kan itti hin fayyadamne uninstall godhaa yookaan faayiloota gurguddaa bakka baay’ee qabatan, kanneen akka Drama, Films, Music, Documents fi kan kana fakkaatan yoo jiraate delete godhaa.

Tarkaanfiiwwan armaan olii hunda isaa keessaa yaaluun tokkoon rakkoo kana furachuu dandeessu. Waan dubbistaniif Guddaa Galatoomaa Marsariitii keenya kanarraa odeeffannoo Teekinoolojii adda addaa waan argattaniif maxxansa keenya kan biroollee dubbisuu dandeessu. Ulfaadhaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *