TECHNOLOGY

Laptop Keenya Flash Disk Akka Hin Fudhanne Akkamitti Goona?

Duraan dursa baga nagaan gara marsariitii keenyaatti dhuftan jechaa marsariitii keenya kanarraa odeeffannoo Teekinoolojii adda addaa fi barnoota garaa garaa waan argattaniif sirnaan nu hordofaa. Kanaafuu yeroo hedduu maxxansa keenya dubbisuu hin irraanfatinaa.

Flash Disk Jechuun Maali?

Barumsa amma jenne Kana gochuu keenya dura Flash disk jechuun maashinii faayiloota itti kuufannee salphaatti keewwannuu fi itti fayyadamnudha. Flash Disk akka qabiyyee isaatti garaagarummaa hedduu ni qaba. Garaa garummaan isaanis Hamma qabannaa miimoorii fi hamma turti jireenya isaanii (Life Time) yommuu ta’u GB (Gega Byte) Afur 4GB kaasee hamma Tera Byte tti jira. Akka filannoo keessanii fi hamma dandeettii meeshaa kana bitachuuf humna qabdan irratti hundaa’uun bittanii itti fayyadamuu dandeessu.

Har’a barnoonni keenya ijoon Kompiitara keenyaatti yookaan Laaptooppii keenyatti namni tokko osoo nuti hin beekin Flash Disk gochuudhaan faayila achirraa fe’achuu fi isa fe’ame immoo fudhatee achumaan vaayirasii yoo itti nu jalaa galchuuf yaade maal gochuu akka qabnu isinan barsiisa. Akkasuma immoo personal Computer keenya irratti faayiloota hojiifis ta’e, waan biraatiif dabarsuu fi waraabuuf flash Drive fayyadamu.

Flash disk laptop keenya keessa galchine yoo cufne laptopiin keenya balaadhaaf saaxilamuu danda’a.
Flash disk faayila qofa osoo hin taane vaayirasiin waan kuufatuuf, flash laptop keenya keessa galchine yoo cufne vaayirasiin karaa flash disk kompiitara keenya seenee laptop keenya irratti miidhaa geessisuu danda’a.

Eeyyama keenya malee namni tokko dhoksaan laaptooppii keenyatti flash disk kaa’ee laptop keenya akka hin fayyadamne gochuu ni dandeenya. Kanaaf hayyamni addaa fi beekumsi keenya laptop keenya flash disk akka hin fudhanne gochuuf tarkaanfiiwwan armaan gadii hordofuudha.

Tarkaanfiiwwan kunneenis kanneen gadii kanadha:

1ffaa: Jalqabarratti kompiitara keenya banuun Start iddoo jedhu tuquun iddoo search irratti gpedit.msc barreessuudhaan Enter jenna.

2ffaa: Tarree filannoowwan adda addaa qabu nuuf achii booddee; filannoowwan jiran keessaa “Local Group Policy Editor” kan jedhu filanna.

3ffaa: Sana booda tarkaanfiiwwan armaan gadii hordofaa; computer configuration > administrative templates > system > Removable Storage access hamma jedhutti deemtu.

4ffaa: Amma filannoowwan gama mirgaa irraa jiran keessaa “All Removable Storage Classes: Deny all access” kan jedhu tuqaa.

5ffaa: itti fufee “Enable” kan jedhutu jira, isa filadhaa.

6ffaa: kanatti aanee “Apply” kan jedhuu tuquun > “Ok” jettu.

Amma xumurree jirra.  Kana booda namni flash drive laptop keessan keessa galchuu hin danda’u. Tarii yeroo uggura sana deebisuu barbaaddan tarkaanfiiwwan 1 hanga 4 armaan olii hordofaafuun,

  • 5ffaa: “Not Configure” kan jedhu jira, isa filattu.
  • 6ffaa: warreen kana Lamaan dabareedhaan “Apply” > “Ok” jechuudhaan cuqaasuun deebisuu dandeessu.

Waan dubbistaniif Galatoomaa hiriyyaa keessaniifis qooduu dandeessu. Marsariitii keenyaa irraa maxxansa kan biroo dubbisaa irraa fayyadamaa, Gaaffii yoo qabaattan comment irratti nuuf barreessaa Nagaatti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *