APPLICATIONS

Karaalee Sadii YouTube Irraa Viidiyoo Buufachuuf Nu Gargaaran.

Intarneetii irratti sooftiweerii fi moosajiiwwan hedduu fayyadamuun YouTube irraa viidiyoo buufachuun ni danda’ama. Gariin bilisaan buufachuun kaan immoo kaffaltii kaffaluun kan fayyadamnudha. Wanti ijoon garuu viidiyoo keenya buufachuun dura sooftiweerii ykn moosajii sana kompiitara yookaan bilbila keenya irratti buufachuu yookaan dabarfachuu qabna.

Download jechuun maal jechuudha?

Karaan gosa faayila kamiyyuu (viidiyoo, sagalee, barreeffama, suuraa…) interneetii irraa gara kompiitara keenyaatti waraabnu ykn buufannu kamuu downloading jedhama. Fakkeenyaf: Viidiyoo YouTube irraa yeroo buufannu, viidiyoo sana marsariitii irraa gara kompiitara yookaan bilbila keenyaatti waraabna jechuudha. Haaluma wal fakkaatuun kitaabota, fiilmii ykn tapha interneetii irraa gara kompiitara yookaan bilbila keenyaatti yeroo waraabnu, buufanne jechuudha.

Viidiyoo keenya YouTube irraa buufachuuf sooftiweerii yookaan moosajii buufachuuf dabalataa nu barbaachisa. Softiweerota yookaan moosajiiwwan ittiin viidiyoo buufachuuf nu gargaaran keessaa Internet Download Manager (IDM) kan jedhamu namoota hedduu biratti filatamaadha. Garuu downloader qofa miti. Barnoota har’aa keessatti softiweerii ykn moosajii downloader keessaa kanneen gaarii ta’an sadii ilaalla.

1. Internet Download Manager (IDM).

Namoota hedduu biratti kan filatamaa fi jaallatamu Viidiyoo malee gosa faayiloota adda addaa ittiin buufachuu ni dandeenya. Softiweerii yookaan moosajii bilisaa miti. Dhaabbanni sooftiweerii ykn moosajii kana oomishuuf sooftiweerii kana guyyoota 30f yaaliif kan kennu yoo ta’u, sana booda yoo mijataa ta’e bitachuu dandeenya yoo ta’e immoo kompiitara keenya keessaa baasuu dandeenya. 

Biyya keenyatti karaa interneetii daldaluu hin dandeenyu, kanaaf filannoon keenya sooftiweerii sana guyyoota 30f balleessuu ykn sooftiweerii sana caccabsuun yeroo tajaajilaa itti fufuudha asitti caccabsuu jechuun sooftiweerii sana osoo hin bitin bitachuu jechuudha.

Internet Download Manager(IDM) fe’uuf:

  1. Jalqaba IDM buufachuuf (IDM irratti cuqaasuun buufachuu),
  2. Browser keenya cufaa,
  3. Faayila zip banaa, sana booda baasuu
  4. Galmee Setup jedhu bana
  5. Idman615 ammas banaa
  6. Accept kan jedhu filadhu
  7. Hanga installation isaa xumuramutti Next kan jedhu tuqaa.

Akkaataa itti crack goonu, Installation kan jedhu banuun dubbisuun ni danda’ama.
Download godhaadhaa.

Faayiloota gosa adda addaa buufachuu akka dandeenyu kaafneerra, garuu akka fakkeenyaatti faayiloota viidiyoo akkamitti akka buufachuu dandeenyu haa ilaallu.

  1. YouTube banna
  2. Maqaa viidiyoo barbaanne sana search box keessatti barreessinee Search ykn enter tuqna.
  3. Tarree viidiyoo irraa waan barbaannu cuqaasuun banna
  4. Yeroo viidiyoon sun fe’uu fi taphachuu jalqabu saanduqa viidiyoo taphachiisaa gubbaa mirgaa irratti Download video jedha, sana booda gosa faayila barbaannu filannee Start now cuqaasaa.
  5. Guddina faayilootaa fi saffisa interneetii irratti hundaa’uun buufachuu xumuruuf yeroo fudhata.
  6. Gaafa download godhee xumuru akka xumurame nutti hima.
  7. Yoo jijjiirre malee faayiloota buufatu galmee Downloads keessatti save godha. Viidiyoo yeroodhaaf buufanne waan ta’eef faayila buufame sana galmee Downloads —> Videos jedhu keessatti arganna jechuudha.

2. Free Download Manager (FDM) .

FDM’n akka IDM softiweerii ykn moosajii download gochuuf gargaarudha. Softiweerii bilisaan buufamuu danda’u yoo ta’u osoo hin caccabsin hanga barbaannetti fayyadamuu dandeenyudha.
FDM’n IDM irraa kan adda ta’e bilisaan kan argamu yoo ta’u, faayiloota torrent buufachuus ni danda’a.

Hidhaa kanaan www.freedownloadmanager.com irraa argachuun Download tab cuqaasuun version barbaanne buufachuu dandeenya. Erga download goonee booda haala armaan olitti IDMf fayyadamneen install goona. Erga install godhee booda akkuma IDM;  Viidiyoo ani barbaadu YouTube banuun erga baneen booda Video sana gama bitaa irratti Download nuuf fidee cuqaasuun download jalqaba. Gaafa download godhee xumuru download keenya akka xumurame nutti hima.

3. XiloSoft YouTube Downloader

Softiweeriin kun viidiyoo YouTube buufachuuf qofa hojjeta. Buufachuuf bilisa waan ta’eef erga install goonee booda akka warra duraanii viidiyoo browser keenya keessa hin barbaannu, garuu softiweerii ykn moosajii mataa isaa fayyadamnee buufna. XiloSoft YouTube Downloader buufadhaa (cuqaasaa) karaalee armaan olii kanaan install godhaa. Karaa gabaabaa XiloSoft YouTube Downloader kan desktop keenya irratti uumame ykn haala baratameen All Programs keessa seenuun banuun ni danda’ama.

Itti aansuudhaan maqaa viidiyoo barbaannu sanduuqa barbaacha sooftiweerii keessa jiru keessatti barreessuudhaan viidiyoo keenya barbaadna. Viidiyoo barbaanne filannee taphachuu yeroo jalqabu, irra keessatti mallattoolee menu bar irratti tarreeffaman irratti mallattoo xiyyaa tuquun kallattiin buufachuu jalqabna jechuudha. Isa download gootan ilaaluuf, menu bitaa irraa Downloads tuquun maal akka ta’e baruu dandeessu. Kana malees, download tokko osoo hin xumurin kanneen biroo eegaluun ni danda’ama!

Waan dubbisaa turtan hanga yoonaa kana fakkaata, Maxxansa keenya kan biroo Marsariitii dubbisuu dandeessu Galatoomaa Nagaatti!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *