ONLINE JOBS

MasterCard Maalidha? Faayidaa Maaliif Nu Gargaara?

Baga nagaan gara hdase.com dhuftan jechaa har’a waa’ee MasterCard waliin ni ilaalla, kanaafuu obsaan dubbisaa isiniin jechuun barbaada. Mastercardiin dhaabbata tajaajila faayinaansii addunyaa kan namoota dhuunfaa, dhaabbilee daldalaa fi dhaabbilee mootummaa faayinaansiidhaaf furmaata kaffaltii bal’aa kan dhiyeessuudha. Dhiyeessii isaa, isa jalqabaa keessaa tokko kaardii liqii Mastercard yommuu ta’u, kunis abbootii kaardiidhaaf faayidaalee hedduu kan kennudha. 

kaardii Viizaan (mastercard) meeshaa kaffaltii qofaa osoo hin taane, karaa mijataa nageenyi isaa egameen, fi badhaasa gara garaatiin, addunyaa yeroo ammaa kaffaltiin dijitaalaan baay’achaa dhufe kana keessatti kaardii Viizaa (Mastercard) qabaachuun humna bittaa kee fi gurgurtaa kee guddisuu fi daldala faayinaansii kee salphisuu kan danda’udha.

Faayidaa ijoo kaardii liqii (credit card) Mastercard fayyadamuu keessaa muraasni kunooti:

  1. Fudhatama Addunyaa:

Mastercard’n addunyaa guutuutti bakkeewwan miliyoonaan lakkaa’aman irratti fudhatama guddaa waan qabuuf, daldala biyya keessaa fi addunyaalessaatiif filannoo kaffaltii mijataa taasiseera. Toora interneetii irraa bittaa adda addaa yoo raawwattan yookaan biyya alaa yoo deemtan, fudhatama bal’aa fi jabaadhaan Mastercard irratti hirkatanii hojiilee adda addaa hojjechuu dandeessu.

  1. Nageenya Fooyya’e:

Mastercard’n abbootii kaardii sanaa hannaa fi daldala eeyyama hin qabne irraa eeguuf, amaloota nageenya sadarkaa olaanaa fi guddaa of keessaa qaba. Tarkaanfiiwwan nageenyaa kunneenis, teeknooloojii chiip EMV kan hanna sobaa irraa eegumsa dabalataa kan namootaaf kennudha. Dabalataanis, Mastercardiin Zero Liability Protection kan kennu yommuu ta’u, kunis abbootiin kaardii yoo kaardiin isaanii jalaa bade yookaan hatame daldala eeyyama hin qabneef itti gaafatamummaa kamiyyuu akka hin fudhanne kan mirkaneessudha jechuudha.

  1. Sagantaa Badhaasa:

Kaardii liqii (Credit Card)’n Mastercard hedduun sagantaa badhaasa hawwataa fi mijataa ta’e waliin kan dhufudha. Abbootiin kaardii immoo bittaa isaanii irratti qabxii, maallaqa deebisuu, yookaan maayilii daandii xiyyaaraa argachuu nii danda’u, kunis immoo badhaasawwan adda addaa kan akka imala (travel), meeshaalee daldalaa, kaardii kennaa, yookiin liqii ibsaaf furuun sirriitti ni danda’ama.  Sagantaawwan badhaasaa kun abbootiin kaardii gatii (price) baasii isaanii akka guddisan kan taasisudhas.

  1. Faayidaa Imala:

Mastercardiin abbootii kaardii isaaf faayidaa imala (travel) waliin wal qabatu hedduu ni kenna. Isaan kun kutaa buufata xiyyaaraa (airport), inshuraansii imalaa, inshuraansii konkolaataa feetan kireeffachuu fi tajaajila konsiyaarjii argachuu kan dabalatufaa taʼuu dandaʼa. Kaardii liqii (credit card) Mastercard gatii ol aanaa qabu tokko tokkos fooyya’iinsa hoteelaa bilisaa, liqii kaffaltii daandii xiyyaaraa, fi faayidaa addaa kanneen biroo namoota yeroo hedduu imalaniif ni kenna.

  1. Eegumsa Gatii fi Wabii Dheeraa:

Kaardii liqii (Credit Card) Mastercard hedduun isaanii eegumsa gatii nii kennu, kana jechuun yeroo baay’ee murtaa’e keessatti meeshaa bitame gatii gadi aanaadhaan yoo argatte garaagarummaa gatii deebifachuuf ulaagaa guutuu dhabuu dandeessa. Dabalataan immoo, Mastercardiin yeroo baay’ee bittaa ulaagaa guutuu qabu irratti wabii oomishtootaa ni dheeressa, kunis abbootii kaardiidhaaf tasgabbii sammuu dabalataa nii kenna.

  1. Kaffaltii Tuttuqaa Hin Qabne:

Mastercardiin teeknooloojii kaffaltii tuttuqaa hin qabne, kanneen akka Mastercard PayPass kan abbootiin kaardii; kaardii isaanii tarminaala kaffaltii wal simsiisuu irratti tuquudhaan, kaffaltii saffisaa fi nageenya qabu akka raawwatan akka taasisuuf deeggara. haalli kun yeroo mijannaa ni guddisa, yeroo daldalaa immoo hir’isa.

  1. Meeshaalee Bulchiinsa Faayinaansii:

Mastercardiin meeshaalee bulchiinsa herrega sarara interneetii fi appii mobaayilaa abbootiin kaardii baasii isaanii akka hordofan, seenaa daldala adda addaa akka ilaalan, daangaa baasii isaanii akka kaa’anii fi akeekkachiisa yeroo qabatamaatti akka argatan kan dandeessisan ni kenna.
Meeshaan kun fayyadamtoonni faayinaansii isaanii haala bu’aa qabeessa ta’een akka bulchanii fi murtoo baasii odeeffannoo irratti hundaa’e ofii isaanii akka murteessan gargaara.

Hubachiisa: Faayidaan addaa Mastercard fi amaloonni kaardii liqii Mastercard nama kaardii liqii kenneef oomisha kaardii addaa irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaachuu akka danda’u hubachuun barbaachisaadha. Kanaafuu, haalaa fi dambii ilaaluu fi filannoo kaardii garaa garaa wal bira qabuun isa fedhii fi filannoo keessaniif mijatu akkasumas humna keessaniif mijatu argachuun isiniif gaariidha.

Faayidaawwan Mastercardiin nuuf oolu inni biroon kanneen armaan gadii kanadha.

  • Beeksisa Facebook fi Instagramiidhaaf ( boost) gochuu. kana jechuun maxxansi nuti maxxansinu akka namoota hedduu bira gahu nuuf godha jechuudha.
  • Kaffaltiiwwaan viizaa adda addaa karaa Mastercard salphaatti raawwachuu akka dandeenyuuf nu fayyada.
  • Alibaba, sheen fi Amazon irratti illee tajaajila bittaa fi gurgurtaa adda addaa raawwachuuf baay’ee nu gargaaraa.
  • Kaffaltii Apple Store raawwachuuf nu fayyada.
  • Kaffaltii Google illee raawwachuuf nu tajaajila.
  • Daldalawwan adda addaa toora interneetii irratti gaggeessuuf nuu oola, kana jechuunis bituufiis ta’e gurguruufiis nu fayyada.
  • Iyyannoowwan Yuunivarsiitii USA, canada, Europe, Australia fi biyyootaa fi ardiilee kanneen biroos raawwachuuf nu gargaaraa.
  • Kaffaltii barnoota adda addaa kan akka scholarship apply gochuu fi kan kana fakkaataniif illee ni oola.
  • TikTok irratti immoo kennaa (gift) adda addaa ittiin bitachuuf ni oola.
  • Account garaa garaa Kan akka PayPal, Payoneer fi kanneen biroofaa wajjiin wal qabsiisuun itti tajaajilamuuf ni oola.
  • Akkuma baankiilee garaa garaa daddabarsa maallaqaa (money transfer) fi jijjiirraa sharafa (exchange currency) adda addaaf itti fayyadamuullee nii dandeenya.

Walumaagalatti Mastercardiin Addunyaa kanarratti waanuma kaffaltii dijitaalaa kafaluuf nu gargaaruuf itti fayyadamuu ni dandeenya.
Osoo wal irraa hin citinii fi expired osoo hin ta’in, waggaa afuriif tajaajilawwan armaan olitti dubbanne kana hundaaf kan oolu yommuu ta’u, biyyoota hunda keessatti hin dalagu.

Waan dubbistaniif Galatoomaa hiriyyaa keessaniifis qooduu dandeessu gaaffii yoo qabaattan comment irratti nuuf barreessaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *