APPLICATIONS

Karaa Itti Facebook Account Keessan Hatamuu Danda’u Beektuu?

Baga nagaan gara HDASE.COM dhuftan jechaa har’as barnoota ajaa’ibaa fi kan hedduun keessan yeroo dheeraaf barbaadaa turtan qabannee isiniif dhufneerra, innis maalidha yoo jettan akkuma mata duree isaa dubbistan karaalee ittiin facebook account keenya nu jalaa butamuu yookaan hatamuu danda’udha, kanaafuu maxxansa keenya kana hamma xumuraatti obsaan dubbisaa. Akkuma beekamu yeroo adda addaatti facebook account kan namoota hedduu, namoota eenyummaan isaanii hin beekkamneen jalaa butamaa (hack) ta’aa ture.

Kanumaan wal qabatee karaalee gurguddaa hattoonni facebook account keenya ittiin nu jalaa hatuu danda’anii fi akkamitti of irraa ittisuu akka dandeenyu qabxiiwwaan sadii (3) armaan gadiitti tarreeffaman maxxansa keenya har’aa keessatti wajjin ilaalla. Hamma xumuraatti dubbisaa.

Karaaleen kunneenis:

1. Facebook Phishing

Karaan facebook (fb) phishing jedhamu kun karaa baay’inaan hattoonni hedduun itti fayyadamaniidha. Facebook phishing jechuun fuula nuti facebook keenya itti login goonu (Facebook Login page) yookaan lakkoofsa bilbilaa fi password keenya iddoo nuti itti barreessinu kan dhaabbanni facebook hin hojjenne, kan original hin ta’in isa fakkeessuun hojjachuudhaan linkii page sanaa karaa Email keenyaa fi Message akkasumas Social Media (miidiyaa hawaasaa) adda addaa niti fayyadamuun nuuf ergu jechuudha.

Yeroo nuti link sana cuqaasnee booda bannu lakkoofsa bilbilaa fi password keenya akka nuti itti galchinuuf nu gaafata. Yoo itti galchine lakkoofsa bilbilaa fi password keenya osoo nuti hin beekin, karaa liinkii nuuf ergame sanaan harka hattootas seena jechuudha.

Akkas akka hin taaneef of eeggannoo akkamii gochuu qabna?

Yeroo kamiyyuu link adda addaa karaa email, telegram, message fi social media garaa garaatiin nuuf ergamu hunda osoo hin banin dura, eenyu akka nutti erge abbaa isaa ilaaluu qabna. Yoo akka tasaa kan bannu ta’e immoo yoo inni lakkoofsa bilbilaa fi password keenya kan nu gaafatu ta’e itti guutuu dhiisuu fi link sana of irraa balleessuudhaan nama link sana nutti erges ugguruu (block) of irraa gochuudhaan rakkoo akkasiin nutti dhufu ittisuu dandeenya.

2. Keylogging

Karaan keylogging jedhamu kunis immoo kan baay’inaan hattoonni muraasni itti fayyadamaniidha. keylogging jechuun software yookaan application salphaa computer fi mobile keenya irratti install kan godhamudha.

Software (Application) sun erga install godhame booda wantoota nuti computer yookiin mobile keenya irratti hojjannu hunda isaa waraabee (record) godhee hattoota waan sana kalaqaniif erga. Kana jechuunis yeroo nuti computer yookaan mobile keenya irratti lakkoofsa bilbilaa fi password facebook keenya barreessinu waan nuti barreessine sana copy gochuudhaan osoo nuti hin beekiin hattoota warra software (Application) sana hojjettaniif erga jechuudha.

Waan kana irraas of eeggannoo akkamii gochuu qabna?

  • Yeroo mara antivirus yookiin application vaayirasii kan balleessu update ta’e mobile keenya irra qabaachuu qabna.
  • Kompiitaraa fi Bilbila keenya namoota hin beeknetti kennu dhiisuu,
  • Yeroo hunda software fi application maalummaa fi akkaataa isaanii hin beekne download yookiin install gochuu irraa of qusachuudhaan dhiibbaa gama kanaan nutti dhufu of irraa ittisu ni dandeenya.

3. Mobile Phone Hacking

Mobile phone hacking jechuun siistama kana fayyadamuun karaa kanaan jalqaba hattoonni bilbila yookiin kompiitara keenya keessa osoo nuti hin beekin erga seenanii booda faayila, daataa akkasuma wanta mobile (computer) keenya keessa jiru hunda akka fedha isaanii gochuu danda’u. Kana jechuun Facebook keenyaa fi Email keenyas harka isaanii keessa galfatanii jiru waan ta’eef karaa kanaanis Facebook keenya salphaatti hatamuu danda’a jechuudha.

Rakkoon kun akka nu mudanneef of eeggannoo akkamii gochuu qabna?

  • Mobile (computer) keenya namoota hin amannetti kennuu dhiisuu,
  • Application (software) hin barbaachisne install gochuu dhiisuu,
  • Faayila (file) wantoota karaa email nuuf ergaman maalumma isaanii osoo sirriitti adda hin baasin download (install) gochuu irraa of qusachuu fi antivirus update (updated antivirus) ta’e yeroo hunda mobile yookiin kompiitara keenya irraa qabaachuudhaan rakkoo nutti dhufuuf jiru kana of irraa ittisuu ni dandeenya.

Walumaa galatti Karaalee kana sadaniin Facebook keenya hatamuu fi mobile (computer) keenya to’annoo hattootaa jala ooluu ni danda’a. Karaalee kana malee karaan gurguddoon muraasni ni jiru isaan immoo yeroo biraa qabadhee isinittan deebi’a, warreen olitti isiniif hime hunda isaa irraa of eeggannoo gochuudhaan rakkoon kun akka isin hin mudanneef of eeguu ni dandeessu. Waan dubbistaniif Galatoomaa hiriyyaa keessaniifis maxxansa kana qooduun akka isaan rakkoo kanaaf hin saaxilamneef isaan baraaruu dandeessu. Maxxansa biraan walitti deebina Ulfaadhaa, Nagaatti!

DOWNLOAD

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *