HEALTHS

Laptop ykn computer dadhabu akkamiin boqachiisuu dandeenya?

Baga Nagaan Gara Marsariitii Keenya HDASE.COM dhuftan jechaa har’as akkuma yeroo kaanii barnoota teekinoloojii ajaa’ibaa isin fayyada jennee yaadnu tokkoon walitti deebinee dhufnee jirra, kanaafuu hamma xumuraatti maxxansa keenya kana dubbisaa jechuun isin jajjabeessina. sababni isaa baay’ee isin fayyada. innis akkuma mata duree isaa irraa dubbistanitti Laptop yookaan computer osoo fayyadamaa jirruutii nu jalaa dadhabu akkamiin boqachiisuu dandeenya kan jedhudha. kanaafis immoo akka armaan gadii kanaatti waliin ni ilaalla obsaan dubbisaa irraa baradhaa, dubbisa gaarii isiniif haa ta’u.

Kompiitarri yookaan laaptooppiin ni dadhaba, akkuma namni hojii gaafa hojjetu dadhabu, innis yoo hojiin itti baay’ate saffisni hojii isaa fi dandeettiin isaa ni hir’ata. Kanaafuu, hamma turtii barbaachisaa ta’e erga itti faayyadamnee booda boqachiisuun dirqama barbaachisaadha.

Kompiitarri yookiin laaptooppiin keenya karaalee adda addaatiin boqonnaa gaarii akka argatu gochuu nii dandeenya. Haa ta’u malee; karaa kamiin boqonnaa kennuufii wayya kan jedhu wal kan nama falmisiisudha. Kanaafuu, armaan gaditti karaalee kompiitara ykn laaptooppii keenya ittiin boqachiisuu dandeenyu sadii (3) faayidaa fi hanqina (miidhaa) isaanii waliin kan ilaallu ni ta’a.

  1. Computer ykn laptop keenya Sleep gochuudhaan boqochiisu dandeenya.

Operating system (OS) duriitiin jechuunis “standby” kan ture, amma yeroo boqochiisuu feenu immoo “sleep” kan jedhamu saffisa kompiitara (laptop) kamuu kan hir’sudha. Kompiitara keenya immoo “Sleep mode” irra yoo goone RAM isaa irraa kan hafe, humnoota (power) gara kutaa kompiitara keenya irra raabsaman, irraa hir’isuun kompiitara (Laaptooppii) keenyaaf boqonnaa gaarii kenna.

Faayidaa “Sleep” gochuun qabu inni biraan, osoo kompiitara keenya hin cufamin dura hojii hojjechaa turre “Save” nuuf gochuudhaan hojii gidduutti dhaabnee turre sana saffisaan itti fufnee dalaguuf nu gargaara. Haa ta’u garuu “Sleep” gochuun; kompiitarri keenya humna gahaa qabaachuu gaafata. Gidduutti humni yookiin ibsaan yoo bade, wantoota nuti utuu “save” hin godhin dhiisne hundi nu jalaa baduu ni danda’u, garuu laaptooppii taanaan charge yoo qabaate rakkoo hin qabu. Kanaafuu, yeroo mara kompiitara keenya utuu “Sleep” hin godhin dura hojii hojjechaa jirru “save” gochuudhaan keewwachuun dirqamadha.

  1. Computer ykn laptop keenya Shutdown gochuun boqochiisuu dandeenya.

Hedduun keenya kompiitara yookaan laptop cufuuf yeroo jennu “shutdown” gochuudhaan cufuu nii filanna. Yeroo kana goonutti immoo wanti hunduu ni cufamu, wantoonni RAM kompiitara keenya irra turanis ni badu.

Walumaa galatti kana jechuun kompiitarichi sochii fi hojii hunda ni dhaaba jechuudha. Kompiitarri ykn laaptooppiin “shutdown” ta’ee jiru humna (power) tokkollee hin fayyadamu. kanaafuu yeroo kanatti immoo boqonnaa gaarii argachaa jiraachuu isaa nu hubachiisa jechuudha.

  1. Computer ykn laptop keenya Hibernate gochuu dandeenya.

Kompiitara yookiin laaptooppii keenya “Hibernate” yeroo goonu, hojii nuti irratti dalagaa turre RAM isaa irra osoo hin taane “Hard drive” irra nuuf taa’u. Kanaafuu Kompiitara (laptop) keenya yeroo bannutti, wantoota nuti utuu save hin taasisin dhiisne turre deebinee argachuu ni dandeenya. “Hibernate” gochuunis immoo hamma tokko humna (power) ni barbaada.

Kanneen armaan olii ilaalle sadan (3) kana ilaalchisuun yaadota ijoo:

Kompiitara (laptop) keenya “sleep” erga goonee booda, deebisnee yoo banuuf jennu deebi’ee banamuuf yeroo dheera nutti hin fudhatu.

“Hibernate” fi “Shutdown” gaafa goonu, banuu (ON) fi cufuu (OFF) irratti humna wal fakkaataa fayyadamu. Kompiitarri (laptop) keenya humna (power) fixuuf yoo ta’e yookaan humni baduuf jedha yoo ta’e, “Hibernate” gochuun baay’ee filatamadha.

Yeroo akkamii immoo computer (laptop) keenya Sleep, Shutdown yookaan Hibernate gochuu qabna?

  • Kompiitara ykn laaptooppii keenya guyyaa keessatti sa’aatii dheeraadhaaf walitti aansinee kan fayyadamnu yoo taane, guutummaa guutuutti Device keenya “Shutdown” gochuun nu irraa hin eegamu. Garuu; gidduu gidduutti sa’atii muraasa qofa itti fayyadamna yoo ta’e, “Shutdown” gochuun baay”ee gaariidha.
  • Hojii hojjechaa jirru tokko, dhaabnee deebinee itti fufuuf immoo “Sleep” gochuun baay’ee gaariidha.
  • Sa’aatii dheeraadhaaf yookaan guyyaa muraasaa boqachiisuu yoo feene immoo device keenya “shutdown” gochuun baay’ee barbaachisaadha.
  • Inni biraan immoo Waan hojjechaa jirru tokko daqiiqaa yookiin sa’atii muraasaaf addaan kutnee itti deebinee hojjechuuf “Hibernate” yoo goone meeshaa keenyaaf gaariidha.

walumaa galatti (generally) karaalee sadii (3) armaan olitti isiniif hime gargaaramuun yeroo barbaachisaa ta’ettii fi karaa barbaachisaa ta’eetiin kompiitara yookaan Laaptooppii keenya boqachiisuu ni dandeenya jechuudha.
Barumsi hamma yoonaatti waliin ilaalaa turre kana fakkaata, barnoota kana irratti gaaffii yoo qabaattan comment jalaa kana irratti nuuf barreessaa. hamma barnoota biraadhaan walitti deebinutti nagaaan turaa Galatoomaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *