APPLICATIONS

Telegram Irratti Bot Mataa keenyaa akkamitti hojjenna?

Duraan dursa baga nagaan gara marsariitii keenya Hdase.com dhuftan jechaa har’a akkuma yeroo kaanii barnoota teeknooloojii qabannee isiniif dhufneerra, kanaafuu akkuma mata duree isaa dubbistanitti waa’ee Bot Telegram akkamitti akka ofii keenyaa hojjetachuu dandeenyu isin barsiifna kanaaf hamma xumuraatti qalbiidhaan dubbisaa.

Bootii Telegiraamii jabaa fi cimaa dhuunfaa keessanii kan functionality hedduu of keessaa qabu ofii keessanii hojjetachuu yoo barbaaddan dandeettii programming qabaachuu isin gaafata, garuu ofiima keessanii dandeettii addaa tokko malee botiilee sasalphoo fi gaarii ta’an hojjechuu ni dandeessu.

Telegram Bot jabaa ta’ee salphaatti hojjechuu akkamiin dandeenya?

Telegram bot hojjechuu yoo feetan, karaa ittiin jalqabattaan akka armaan gadii kanaatti isteeppii isaa isiniif kaa’eera.

1ffaa: Jalqaba Telegram Account kan mataa keessanii qabaachuu qabdu, erga account mataa keessanii banattanii booda search bar irratti @BotFather jettanii barreessitanii search gochuun botilee hedduu isiniif fida sana keessaa garuu bot Verified kan ta’e filachuu hin dagatina yookiin kan mallattoo qabu sana filachuun keessa seentanii start gootu.

2ffaa: Erga keessa seentanii booda, Filannoowwan achi jiru keessaa kan /new bot jedhu irratti cuqaastu.

3ffaa: Maqaa bot banachuu barbaaddan itti ergaa.

4ffaa: Username bot ofii keessanii banachuu feetanii barreessuun itti ergaa, akkuma achi irratti ibsamee jirutti immoo username keessan “bot” jecha jedhuun xumurri isaa dhumuu qaba. Yoo Username isin itti ergitan, isin dura itti fayyadamanee jira taanaan isiniif hin fudhatamu, kanaafuu irra deebi’uudhaan username haaraa itti ergaa.

5ffaa: Finally amma Xumurtanii jirtu, kanaafuu Bot keessan ummattanii jirtu jechuudha. Kana jechuun ammoo botiin keessan ni bu’uureffame malee wanta hundaan guutamee jira jechuu miti.

Bot kalaqattan kana tajaajila (service) adda addaaf itti faayyadamuu nii dandeessu. Fakkeenyaaf: bot keessan kana fayyadamtanii namoota wajjin haasa’uu fi yaada irraa fudhachuuf isin gargara.

Kana gochuufis step armaan gadii sirriitti hamma xumuraatti hordofaa:

1: Bootii maqaan isaa @livegrambot jedhamu Telegram keessan keessaa search gochuudhaan erga bantanii booda /start gochuun eegaltu.

2: Sana booda kan filannoo jiru keessaa Agree and Continue kan jedhu filadhaa.

3: Itti aansuudhaan Command jiru keessaa isa /addbot jedhu cuqaastu.

4: Amma immoo Gara bot isa dura bot ofii keessanii ittiin banattan @botfather keessa seenaa.

5: Itti fufee akkuma duraa sanatti Start erga gootanii booddee command isa /mybot jedhu tuquun filadhaa.

6: Itti fufuudhaan bot keessan isiniif fida, isarra erga gad tuqxanii booddee option isa ‘HTTP Api token’ jedhu tuquun code bifa gadiin jiru kana [5086512134:AAFnXx83EzImguNEB_D5mVcw8OSHZRCErLD ] isiniif fida isa sana copy godhadhaa, Copy gochuuf immoo yeroo tokkoof lakkoofsicha irratti gadi qabaa taa’aa (long press) gootu.

7: Itti aansee gara livegrambot isa dura keessa turtaniitti deebi’uun, isa copy gootan sana callisaatii paste irratti godhaa. Yeroo kana gootanitti Bot’n keessan haala gaariidhaan hojii eegalee jira jechuudha. Egaa Bot kana fayyadamuudhaan namni barbaade ergaa isin qaqqabsiisuu yookiin isiniif erguu ni danda’a. Isinis deebii barbaachisaa ta’e, haala barbaaddaniin deebisuufii ni dandeessu.

Faayidaan Bot akkasii maalidha?

  • Eenyummaan yookiin maalummaan keessan osoo hin beekamin sirriitti nama waliin haasa’uuf isin dandeessisa.
  • Yaadaa fi gaaffii channel yookiin Group keessan irraa namoonni isiniif ergan salphaatti namoota hedduu irraa fudhachuu dandeessu.
  • Garee uummattan keessatti ittiin haasa’uu dandeessu.
  • Faayyadamtoota Bot keessanii yookiin kanneen bot keessan start godhanii fayyadamaniin ergaa (message) erguufii dandeessu.
  • Namoonni (subscribers) keessan si’a tokkotti yaada yoo isiniif kennan Galatoomaa (Thanks) ittiin baay’ee jechuun ulfaataadha. Garuu bot kanaan namni hamma fedhe yoo baay’atellee altokkotti wal faana, barreeffama tokko qofaa barreessuun hunda isaaniin Galatoomaa jechuu ni dandeessu.
  • Kanaafuu faayidaalee armaan olitti isiniif hime hunda bot mataa keessaniin dalagachuu dandeessu, haala olitti isin barsiifneenis bot mataa keessanii kana uummachuun namoota wajjinis ittiin haasa’uus ta’e, hojiilee adda addaaf itti fayyadamuu dandeessu.

Egaa barnoonni keenya kan guyyaa har’aa kana fakkaata, gaaffii fi yaada yoo qabaattan comment irratti nuuf barreessaa, maxxansawwan kanneen biroos marsariitii keenya kana irraa dubbisaa isiniin jechuun barbaada. Galatoomaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *